Obbo Gadduun Hoji Geggeessaa Olaanaa Dhaabbata Nyaata Addunyaa Simachuun Haasofsiisan

129

Finfinnee Caamsaa 19/2012(TOI)- Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa Obbo Gadduu Andargaachoo Hoji Geggeessaa Olaanaa Dhaabbata Nyaata Adunyaa Deevid Bisliyiz waajjira isaanitti simachuun hasofsiisan.

Anga’oonni lameen weerara vaayirasii koronaa,weerara Awwannisa Gammoojjii fi Balaa Lolaa qaxanaa kana miidhaa jiru ittisuu irratti mariyatan.

Dabalataanis dhimma Hidha Guddicha Laga Abbayyaa irratti odeeffanoo wal jijjiranii jiru.

Obbo Gadduunis deeggarsa Dhaabbanni Nyaata Addunyaa Itoophiyaaf gochaa jiru dinqisiifatanii jiru.

Itoophiyaan deegarsa dhaabbaticha waliin gootu cimsitee akka itti fuftus dubbatanii jiru.

Sababa weerara koronaatiin lammiilee addunyaa lubbuu isanii dhabaniif gadda itti dhagahame ibsuun sadarkaa weerarichi irra jiruu fi weerara kana dhaabuuf hojii hojjetamaa jirus hubachiisanii jiru obbo Gadduun.

Weerarri Awwanisa Gammoojjii fi miidhaa balaan lolaa Itoophiyaa fi ollaa irraan gahaa jirus ibsanifii jiru.

Qaxanaan Gaanfa Afrikaa yeroo kamuu caalaa deegarsa hawaasa addunyaa kan barbaaddu ta’uu fi deeggarsi Dhaabbanni Nyaata Addunyaa taasisu kan yeroo kamuu caalaa cimee akka itti fufu obbo Gadduun waamicha dhiheessan.

Sadarkaa ijaarsi Hidha Haaromsaa Itoophiyaa irra jiruu fi Itoophiyaa, Sudaani fi Ijipti giddutti marii godhamaa tures ibsaniif.

Hawaasni addunyaa garaagartee jiru karaa mariin akka hiikan deeggarsa gochuu qabus jedhan.

Hoji Geggeessan Dhaabbata Nayaata Addunyaa Deevid Besiliyin dhaabanni isaanii deeggarsa Itoophiyaaf taasisu cimsee itti  fufa jedhan.

Sochii Itophiyaan weerara koronaa, Awwannisaa fi balaa lolaa toohachuuf gootu dinqisiifateera.

Weerarri koronaa sodaa addunyaa wan ta’eef deeggarsa addunyaa barbaadas jedhan.

Hidha Haaromsa Guddichaan walqabates biyyonni sadan mariin hiiku jedhanii  akka amananis ibsanii jiru. Maddi waajjira Ministeera Dhimma Alaati.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015