Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Kaabatti Omishni Garbuu Biiraa Kilastaraan Geggeffamaa jira

245

Finfinnee, Caamsaa 17/20129TOI) Naannoo Oromiyaa Godinaa Shawaa Kaabatti tooftaan omisha kilastaraa Garbuu Biiraa Jallisiin omishuu bu’aa qabessa akka ta’e anga’oonni naannichaa fi Qonnan bultonni ibsan.

Ji’a Amajjii darbe irraa eegalee aanaa Jiddaatti omisha kilaastaraaa Jalliisiin Garbuu Biiraa Omishame bu’aa abdachiisaa argamsiisuun anga’oonni naannichaa fi qonnaan bultoonni muuxannoo akka qooddatan ta’ee jira.

Qonnaan bulaa omisha kana irrati hirmaatan keessaa jiraataan Ganda Siibaa Sirxii Obbo Darajjee Waaqee lafti isanii waggaa dheeraaf marga malee midhaan hin bafne gorsa ogeeyyiin deegaramanii yeroo gannaa laggeen jallisuun omisha kilastaraan garbuu biiraa omishuu eegaluu himan.

Kanaanis bara darbe lafa heektaara lama irraa garbuu biiraa kuntala 80 argadheen jiraa jedhan.

Muuxannoo gaarii omishtummaa isaanii dabale warra biraattiif qooduun qonnan bultoota biroos heddumminaan horachaa akka jiran ibsan.

Qonnan bulaan biroo Irranaa Dandanaa jedhaman akka ibsanitti lafti isanii omisha qona jallisiif akka tolu otoo hin beekin bara dheeraaf turuun isaan gaabbisiisee muuxannoo amma argataniin gara misoomaa galuun fayyadamuu dubbatu.

Bara darbe gurgurtaa omisha Garbuu Biiraa heektara lama irraa birrii kuma dhibba 1 argachuun isaanii haamilee akka itti hore dubbatu.

Omisha jallisiin heektaara irraa Garbuu Biiraa kuntala 40 hanga 50 argachuun muuxannoo isaanii qooda jiru.

Qonnaan bulaa Tasfaayee Jufaaras yeroo gannaa bishaan kuusuun omisha qonna kilastaraan omishni Garbuun Biiraa barbadaamaa wan ta’eef lafa isani hektara tokko irratti omishaa jiru.

Bulchaan Aanaa Jiddaa Obboo Darajjee Taaddasaa aanicha yaaliif waggoota sadan darbe omisha jallisii kilaastaraan lafa qonnan bultoota 70 irratti hojiin hojjetame bu’aa buusera jedhan.

Muuxanno qonan bultoota kanaa qonnan bultoonni kuma 30 ta’an, Anga’oonni Naannolee fi Federaalaa ogeeyiin qonnaa ooyruu qonnan bultoota kanaa daaw’achuun muuxannoo gaarii horatanii jiru jedhan.

Yeroo dhihoottis gareen Pirezedaantii Naannoon duurfamu oyruu qonnan bultootaa daw’achuun muuxannoo gara naannoo birootti akka babal’atu kallattii kennanii jiru jedhan.

Itti aanaan itti gafatamaa hogganaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuu muuxannoo qonnanbultoota aanichaa babal’isuuf karoorri qophaa'aa jiraachuu himan.

Naannoo Oromiyaatti omisha qulqulluu Warshaan Biiraa barbaadu Garbuu Biiraa hektaara irraa kuntaala 40 hanga 50 omishuun akka danda’amu qonnan bultoonni qabatamaan agarsiisanii jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015