Ameerikaan Buusii Dhaabbata Fayyaa Addunyaaf Taasiftu Walakkaan Gadhiisuufi

70

Finfinnee Caamsaa 8/2012 (TOI) – Ameerikaa buusii dhaabbata fayyaaf taasiftu dhorkattee turte walakkaan gadhiisuuf akka ta’e Aljaziiraan gabaaseera.

Aljaziiraan wixinee xalayaa bulchiinsi Tiraamp qopheesse wabeeffatee akka gabaasetti Ameerikaan buusii dhaabbatichaaf taasiftu walakkaa gaddilakkisuuf waliigalteetti.

Buusiin biyyattiin kafaltu “Chaayinaan kan buuftuu gadi” akka hin taanes murtaa’uusaa ibseera.

Buusii olaanaa kan ramadaa turte Ameerikaan vaayirasii koronaan wal qabatee waldhabdee uumameen baatii tokkoo dura buusii kana dhaabuunshee niyaadatama.

Dhaabbatichi “Chaayinaaf looga, Odeeffannoo ni dhoksa” himannaa jedhu Ameerikaan dhiheessuunshee niyaadatama.

Ameerikaan dhaabbatichaaf waggaa waggaan doolaara miiliyoona 400 buufti ture.

Daarektarri olaanaa dhaabbata fayyaa addunyaa doktar Tewoodiroos Adhaanoom Ameerikaan murteeshee irra deebitee akka ilaaaltu gaafachaa turaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015