Paarkii Biyyaalessaa Gaarreewwan Baalee Baraarsuuf Hojmaata Qindaawaatu Barbaachisa --- Bulchiinsa Paarkichaa

223

Gobbaa Caamsaa 3/2012 (TOI) – Balaa lubbu qabeeyyii paarkii biyyaalessaa gaarreewwan Baaleerra ga’aa jiru baraaruuf ittisuuf hojmaata qindaawaa qaamolee dhimmi ilaaluu akka barbaachisu bulchiinsi paarkichaa ibse.

Gadhiisiin loonii, bosona mancaasuu fi qubsumnni seeraan alaa rakkoolee balaawwan paarkichaa yaaddessaa jiran ta’uun himameera.

Bakka bu’aan itti gaafatamaa waajjira paarkii biyyaalessaa gaarreewwan Baalee obbo Shaamiil Kadiir TOItti akka himanitti, rakkoon lubbu qabeeyyii biqiltuu fi bineeldota paarkichaarra hedduurra ga’aa jiru ittisuuf hojmaata qindaawaa qaamolee dhimmi ilaaluu gaafata.

Keessumaa gadhiisiin loonii, bosona ciruu fi qubsuma seeraan alaa ittisuuf kutannoo qaamolee mootummaa gaafata.

Bakka bu’aan kun akka jedhanitti, paarkicha balaarraa baraaruuf waggootii darban dhaabbileen mootummaa fi mit-mootummaa tumsa taasisanis bal’ina rakkoo mudachaa jirurraa ka’uun baay’ee hojjechuutu barbaachisa.

Sababa dhibee saroota maraatuu paarkicha keessatti argamaniin daddarbuun waggoota lamaan darbe baay’inni sardiidoo diimaa hir’achaa dhufuu kan himan ammoo ogeessa olaanaa  sagantaawwan sar-diidoo diimaa paarkichaa obbo Idriis Eebuu dha.

Jiraataa aanaa Diinshoo kan ta’an obbo Abdura’uuf Usmaan, jiraattota naannawa kanaaf  dhiibbaa paarrkicharraan ga’an hir’isuuf tooftaan jireenya isaanii ittiin itti fufan dhihaachuufii qaba yaada jedhu kennaniiru.

Bulchaan itti aanaa godina Baalee obbo Didhaa Guddataa qubsuma seeraan alaa fi manca’ina bosonaa aanaalee paarkicha daangessaniin ga’aa jiru dhaabsisuuf hubannoo qabsiisuurraa eegalee tarkaanfii seeraa fudhachuun sirreessuuf yaaliin taasifamaa tureera.

Rakkoo olaanaa kana tilmaama keessa galchuun gurmaa’insa amma gandaatti jirutti fayyadamuudhaan balaa paarkicha balaarraa baraaruuf hojii jalqabame cimsinee itti fufna jedhaniiru.

Balaa nam-tolchee fi uumamaa paarkii kanarra ga’aa jiru hambisuuf burqaalee paarkicha keessaa maddan pirojektoota gurguddoo ijaaruun jallisiif oolchuun hawaasa naanawichaaf madda galii taasisuuf mootummaa federaalaa fi naannichaatiin xiyyeeffannoon kennameefii hojjetamaa akka jiru himaniiru.

Galmee yeroo Yuuneeskoorratti kan galmaa’e paarkiin biyyaalessaa gaarreewwan Baalee sar-diidoo fi Arroolee baddaa dabalatee bineeldota, simbirroowwanii fi biqiltuuwwan addaddaa of keessatti qabateera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015