Pirojektiin Jallisii Maqii- Baatuu Eebbifame - ENA Afaan Oromoo
Pirojektiin Jallisii Maqii- Baatuu Eebbifame

Ebla 4/2012 (TOI) – Naannoo Oromiyaa godina Shawaa bahaatti ijaarsi pirojektii Maqii-Baatuu xumuramee eebbifame.
Sirna eebbaa kana irratti Muumeen Ministiraa Doktar Abiyyi Ahimad fi Pirezedaantiin Eertiraa Isaayyaas Afawarqii dabalatee Pirezedaantiin Naannoo Oromiyaa obbo Sihimallis Abdiisaa argamaniiru.
Kana malees qondaaltonni Olaanoon Mootummaa Federaalaa fi kan Naannoo gara biroos argamuun eebbisaniiru.
Pirojaktiin kun qonnaan bultoota abbaa waraa kuma 2 fi 700 faydaduu kan danda'us jedhameera.
Yeroo ammaa kanas lafa heektaara kuma 2 misoomsuu ni dnada'as jedhameera.
Qondaaltonni mootummaa kunneen eebbaa piroojaktii dursee Buufata Biqiltuu aanaa Dugdaatti argamus daawwataniiru.