Namoonni 7 Vaayirasii Koronaarraa Yoo Bayyanatan Namoonni 2 Ammoo Qabaman

61

 Finfinnee Ebla 23/2012 (TOI) – Sa’aatii 24 darbe qorannoo laaboraatoorii taasifame 912 keessaa namoonni lama vaayirasiin koronaa akka qabaman mirkanaa’eera.

Walumaa gala namoonni vaayirasiin koronaa irratti argame 133 ga’aniiru.

Gama biraatiin ammo namoonni 7 kan bayyanatan yoo ta’u, walumaa gala namoonni 66 dhibee kanarraa bayyanataniiru.

Namoonni har’a vaayirasiin kun irratti argame lamaanuu dhiira yoo ta’an isaanis lammii Itiyoophiyaati.

Lamaan keessaa inni tokko Keeniyaadhaa deebi’ee bakka turtii Mooyaalee kan ture dargaggeessa waggaa 25 yoo ta’u, inni lammaffaa ammo dargaggeessa waggaa 20 Puuntilaandii deebi’ee bakka turtii jigjigaa kan turedha.

Itiyoophiyaatti amma ammaatti namoota kuma 18 fi 754f qorannoon laaboraatoorii taasifamuunsaa ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015