Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahmad Sooma Ramadaanaa Boruu Eegalu Ilaalchisuun Ergaa Baga Geessanii Dabarsan

1385

Ebla 15/2012 - Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahmad Sooma Ramadaanaa boruu eegalu ilaalchisuun  ergaa baga geessanii dabarsaniru.

Bara kana addunyaan wayita dhibee vaayirasii koronaan miidhamaa jirtuu fi dhibichas ittisuuf harkaan nagaa walgaafachuu dhabuu, walirraa fagaachuun mana keessatti turuun guutuu addunyaatti bakka hojiirra oolaa jiruutti Sooma Ramadaanaa kanaa soomuuf jirra.

Akka Dr. Abiyyi jedhanitti, Nabiyyuu Mohaammad weerara dhibee babal’ataa ture ittisuuf kan barsiisan keessaa sosochii uummataa dhorkuun ture.

“Qulqullummaan qaama amantiiti jedhani Nabiyyuu Mohaammad akka barsiisanitti, qulqullina keenya , kan maatii fi naannoo keenyaa eeguun dhibee koronaa amantiinis gocha qabatamaanis haa ittisnu” jedhan Ministirri Muummee Dr. Abiyyi fuula Fb isaanirratti.

“Ji’a Sooma Ramadanaatti soomni inni guddaan Zakaa fi Sadaqaa dha kan jedhan Dr. Abiyyi Ahmad, warreen kaanniif qooduu, kaaniif ammoo tahanii argamuu dha, kanneen biroof waan gaarii kennuun kan kenneef gammachuu, kan fudhatuuf ammoo deeggarsa jireenyaa kan argamsiisuu dha’’ jedhaniiru.

Zakaa fi sadaqaan bara kanaa warreen daldallisaaanii jalaa laafe, mana kiraa kaffaluu warreen hin dadhaban, kaffaltiii mana baruumsaa warreen kaffaluu dadhabaniif, akkasumas ijoolleesaaniif warreen rakkataniif akka oluu Dr. Abiyyi Ahmad gaafataniru.

Ramadanni kan dhufe yeroo nu barbaachisuutti waan taheef rakkoo wayitawaa keenya hiikuuf itti haa fayyadamnu,hojii gaariif walitumsaa jedhe akkuma Quraanni nu barsiisetti, warreen deeggarsa keenya barbaadaniif cinaa dhaabbachuun haa tumsinu, namoonni maallaqa hin qabnes hojii gaarii eebbifamaa kanaaf haa hirmaanu jedhaniiru Dr. Abiyyi Ahmad.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015