Gatiin Geejibaa Dachaan Kaffalamu Harka 25n Hir’ifamuun ibsame - ENA Afaan Oromoo
Gatiin Geejibaa Dachaan Kaffalamu Harka 25n Hir’ifamuun ibsame

Ebla 10/ 2012(ToI) - Gatiin geejibaa dachaan kaffalamu harka 25n hir’ifamuun ibsameera.
Abbootiin qabeenyaa fi waldaaleensaanii walta’insaan ittisa vaayirasii koronaa tumsuuf gatii geejibaa ji’a darberraa kaasee dachaan kaffalamaa ture harka 25n hir’isuusaanii Abbaan Taayitaa Geejiba Oromiyaa beeksise.
Gorsaan abbaa taayitichaa Obbo Faaris Abbaa Magaal ibsa kaleessa kennaniin akka jedhanitti, erga vaayirasiin koronaa biyyattiitti mul’atee kaasee qajeelfama hojii fe’umsa geejibaa naannichaa 1512/2012 fooyyessuudhaan konkolaattonni fe’umsaa marti humna fe’umsaasaanii harka walakkaan (%50) akka hir’isan taasifameera.
Labsii yeroo muddamaa bulchiinsi mootummaa naannichaa fi federaalaa baasan wajjin walsimsiisuuf jecha qajeelfamnii fi hojmaatni geejibaa si’aayinaan hanga sadarkaa gadiitti hojiirra akka oolu godhameeras jedhan.
Kana cimsuufis abbaan taayitichaa yeroodhaa yerootti deggarsaa fi hordoffii gochaa jiraachuu himaniiru.
Abbootiin qabeenyaa fi waldaaleen sochii mootummaa vaayirasii koronaa ittisuuf gochaa jiru tumsuuf meeshaalee murteessoo arjoomuurraa kaasee hanga taarifa fe’umsaa hir’isuutti gargaarsa taasisaa akka jiran ibsaniiru.
Kanaanis gatii fe’umsaa imaltootni dachaa lamaan kaffalaa turan dhibbantaa 25n akka hir’atu godhaniiruu jedhan.
Kunis fakkeenyaaf namni imala tokkotti qarshii 200 kaffalaa ture kaleessarraa kaasee qarshii 150 qofa akka kaffalu taasifameera jedhan.
Abbootii qabeenyaa fi waldaaleensaanii tumsa taasisanis galateeffatanii, kanneen ummatarratti dhoksaadhan hannaa fi saamicha raawwachaa jiranirratti hordoffiin taasifamee tarkaanfiin kan fudhatamu ta’uu beeksisaniiru.
Konkolaachistoonni muraasni qajeelfamaa fi hojiimaata fooyyeffamee baherra darbanii halkan fe’aa jiranis waan mul’achaa jiraniif qindoomina Komishinii Poolisii Oromiyaa fi hawaasaa waliin to’annoo cimaa gochuuf hojii keessa galamuu Obbo Faaris dubbataniiru.
Keessumaa ayyaana du’aa ka’uu Yesuus Kiristoos boru kabajamuufis ta’e ittisa vaayirasii koronaa sababeeffachuun rakkoo guddaan akka hinuumamneef naannolee ollaa wajjin hojjechuuf waliigalameera jedhan.
Wayita rakkoon hamaan biyyattii mudate kanatti tajaajila geejibaa fayyaalessa diriirsuun murteessaadha jedhanii, kanaaf ammoo imaltootni, hawaasni martiifi qaamoleen nageenyaa qindoominaan hojjechuu akka qaban dhaamaniiru.
Gama biraatiin awutobisoonni qaxxaamura biyyaafi jiddugaleessaa hojjettoota waldaaleetiif, konkolaachistootaaf, kaasharootaafi gargaartotaaf gilaavii, maaskiifi saanitaayizarii (alkoolii); waldaalee meeshaa fe’aniifi buusaniif, kabachiistota naamusaatiif maaskiifi gilaavii akkasumas konkolaachistoonni otoo tajaajilaaf hinbobba’iin bulchiinsa buufataalee konkolaataa wajjin ta’uun konkolaataasaanii kemikaala biifuu akka qaban Abbaan Taayitaa Geejibaa Federaalaa hubachiise.
Weerara vaayirasii koronaa ittisuuf tajaajila qulqullinnisaa eegame hawaasaaf kennuun waamicha biyyaafi dhalootaa baraaruuf dhiyaate ta’uu fuula fees buukiisaarratti kan eeree abbaan taayitichaa, geejibsiisaa dhimmoota kanneen hinguuttanne bobbii keessa galchuuf kan rakkatu ta’uu beeksiseera.
Tajaajilli geejibaa addaan cite ture kaleessarraa eegalee buufataalee konkolaataa jahanittuu eegalameera jechuun gaazexaa bariisaa wabeeffachuun Oromiyaa Biroodcaastiing Neetwoorkiin gabaaseera.