Hospitaalonni Vaayirasii koronaa irratti Xiyyeeffannoo Addaan Hojjetan Qophaa’aniiru

172

Finfinnee,Guraandhala 30/2012(TOI) Itiyoophiyaatti Vaayirasii koronaa ilaalchisee hospitaalonni xiyyeeffannoo addaan hojjetan qopheessuu dabalatee tatamsa’ina isaa ittisuuf qophiin barbaachisu akka taasifame koreen ministirootaa vaayirasicha ittisuuf dhaabbate beeksise.

Itiyoophiyaatti hanga ammaatti vaayirasii kanaan namni qabame hin jiru jedheera korichi.

Manni maree ministirootaa Guraandhala 21 bara 2012 A.L.I walga’ii idilee 80ffaa geggeessen vaayiricha ittisuuf koree ministiroota biyyoolessaa akka dhaabbatu murteesseen korichi hojiitti galeera.

Koreen biyyoolessaa kun ministeera fayyaan gaggeeffama.

Korichi erga dhaabbatee eegalee hojii hojjetaa jiru ilaalchisee har’a muummicha ministiraa Abiyyi Ahmadiif gabaasni dhiyaateera.

Deetaan ministiraa dooktar Liyaa Taaddasaa vaayirasicha ittisuuf karra biyyoota garaagaraarraa Itiyoophiyaatti galchan 30 adda baafamanii hordoffiin taasifamaa jira jechuunu ibsan.

Vaayirasichi tasa yoo uumame illee hospitaalli yekkaa kotobee galtee barbaachisoo ta’an guuttachuun qophii ta’uusaa dubbataniiru.

Hospitaalli kun hanga namoota 600tti keessummeessuu danda’a.

Hangi tatamsa’ina vaayirasichaa kanaa ol yoo ta’e hospitaalli Ittisaa Bishooftuu qophii ta’uu kan ibsan doktar Liyaan, naannolee waliinis hojjetaa jirra jedhan.

Kanaan dura qorannoon vaayirasichaa biyyaa alaatti taasifamaa kan ture yoo ta’u, yeroo ammaa Dhaabbta Fayyaa Hawaasaa Itiyoophiyaatti adeemsifama jiras jedhan.

Vaayirasiin kun hanga ammaatti Itiyoophiyaa akka hin galles ibsaniiru doktar Liyaan.

Vaayirasiin koronaa (Covid-19) erga ka’ee eegalee hanga ammaatti biyyoota garagaraatti lubbuu namoota kuma 3 fi 831  kan gaalafate yoo ta’u, kuma 110 fi 99 immoo vaayirasichaan qabamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015