Dhalli namaa paarkii biyyaalessa gaarreewwan Baalee keessa waggoota kuma 47 jiraata ture ... Qorannoo

69

Finfinnee, Amajjii 25/2012 (TOI) Dhalli namaa paarkii biyyaalessa gaarreewwan Baalee keessa waggoota kuma 47 jiraata akka ture qorannoon tokko ifoomseera. 

Garreen qarannoo hayyoota Yuunvarsitii Finfinnee fi Yuunvarsiitoota Awurooppaa waalta’iinsaaa taasisaani qorqnnicha  ifoomsaniiru. 

Akka gabaasa OBN tti hayyoonni kunneen qorannoo gaggeessaa turaniin jaarraa kuma 1 fi dhibba 6 dura dhalli nama paarkii biyyaalessa gaarreewwan Baalee keessa jiraacha akka turan mirkaneessaniiru. 

Argamni haftee dhala namaa kun paarkichi addunyaarratti beekkamtii guddaa akka argatu gochuun hawwattummaa turistootaa dabaluudhaan, guddina diinagdee biyyaaf faayidaan qabu ol'aanaadha jedhameera. 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015