Hoomaa Hawaannisaa Godinichatti muldhate Ittisuuf Tattaaffiin Taasifamaa Jira

93

Nagallee Amajjii 12/2012 /TOI/- Hoomaa Hawaannisaa Naannoo Oromiyaa godina Gujiitti muldhate ittisuuf sochii taasisaa akka jiru waajjirri qonnaa fi qabeenya uumamaa godnichaa beeksiseera.

Hoomaan Hawaannisaa kun godinicha aanaalee 10 keessatti muldhateera.

Hogganaan waajjira qonnaa fi qabeenya uumamaa godinichaa obbo Taaddasaa Buzunaa akka jedhanitti hoomaan hawaannisaa lafa heektaara 13 irratti muldhate kun akka hin babal’anneef hojjetamaa jira.

Ummatni godinichaas hawaannisaa kana mala aadaan of irraa dhorkaa kan jiru ta'uu himaniiru.

Hoomaa kana balleessuufis qoricha liitiroo 200 bifuuf qophaa'a akka jiran  dubbataniiru.

Jiraattooni godinichaas hommaa kana mala aadaan kan of irraa ittisaa jiran ta'uu himaniiru.

Jiraataan aanaa haroo wallaabu addee Abaayinash Tasfaayee yaada kennaniin akka jedhanitti "karaa qaama ilaallatuun qorichi osoo nuuf biifamee gaarii dha" jedhaniiru.

Mootummaan naannoo Oromiyaas hoomaa kana ittisuuf tattaafachuu qabas jechuun dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015