Naannoo Hariitti Weerarri Hawwaannisaa Mudatee Ture To’atame

76

Harar, Amajji 6/2012 (TOI) –Weerarri hoomaa hawwaannisaa naannoo Harariitti mudatee ture guutummaa guutuutti to’atamuu isaa biiroon qonnaa naannichaa  ibse.

Daayirektarri daayirektoreetii komunikeeshinii fi sab-quunnamtii hawaasaa biiroo kanaa obbo Amiir Muusaa akka dubbatanitti, weerarri hoomaa hawwaannisa aanolee sadiitti mudatee ture hirmaanna ummataan mala aadaatti faayyadamuun to’atameera.

Naannichatti oomishni ga’e duursee waan sassaabameef hoomaan hawwaannisaa kun miidhaa irratti hin geessifne.

``Yeroo ammaa kana  hoomaan hawwaannisaa gandoota baadiyyaa 8 keessatti deebi’ee akka wal hin horreef bakka buuphaa buuse gargaarsa ogeessaan qorataa jirra `` jedhan.

Rakkoo kana ittisuuf koreen qindaa’ee hojiiwwan garaagaraa hojjetamaa jira jedhan obbo Amiir.

Naannichatti ogeessi qonnaa aanaa soofii obbo Ramadaan Aliyyii aanichatti hoomaan hawwaannisaa guyyoota lamaaf mudateera.

``Qonnaan bultoota, ummataa fi barattoota gurmeessuun aara, iyyuu fi maloota aadaatti fayyadamuun duulaan balleefameera`` jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015