Biyyoonni lamaan ittisa daldala daangaa fi yakkaa waliin hojjechuun isaanii nageenya Fida - ENA Afaan Oromoo
Biyyoonni lamaan ittisa daldala daangaa fi yakkaa waliin hojjechuun isaanii nageenya Fida
Amajji 5/2012-(TOI) Itiyoophiyaa fi Jibuutiin dhimmoota ittisa daldalaa daangaarraa fi yakkaa irratti waliin hojjechuun isaanii faayidaa fi nageenya ummattootaaf ga’ee olaanaa qaba jedhan Itti Aanaan Pirezidaantii naannoo somaalee Musxafee mahaammad.
Walga’iin bulchiinsota daangaa waliinii Itiyoo-Jibuutii har’a magaalaa Jigjigaatti adeemsifamaa jira.
Itti aanaan pirezidaantii naannichaa akka ibsanitti, umaattoonni biyyoota lamaanii dhimmoota waliin hirmaatan baay’eetu jira.
Jibuutii fi Itiyoophiyaan biyyoota ollaa qofa osoo hin taane, kan keessa jiraatan ummata obboleewwan ta’uus isaanis akka fakkeenyaatti kaasaniiru.
Biyyoonni kun dhimmoota ittisa daldala daangaarraa fi yakkaarratti waliin hojjechuun isaanii uammattoota lamaaniif faayidaa olaanaa akka qabu dubbataniiru.
Deetaan ministira Nageenyaa Itiyoophiyaa aadde Almaaz Mokonnin gama isaaniin,Walga’iin kun keessumaa kutichatti balaa gudda uumaa kan jiru imala namoota seeraan alaa fi yakkaa ittisuun walqabatee hojiiwwan biyyoonni lamaan waliin hojjetaniif murtee akka dabarsan gargaara jedhan.
Ministirri dhimma biyya keessaa fi gaggeessaan garee jilaa Jibuutii Mumin Ahmad, walga’ichi hariiroo ummattoonni biyyoota lamaanii waliin qaban cimsa jedhan.