Ministiroonni dhimmoota alaa biyyoota Itiyoophiyaa, Gibtsii fi Sudaan mari’ataa jiru - ENA Afaan Oromoo
Ministiroonni dhimmoota alaa biyyoota Itiyoophiyaa, Gibtsii fi Sudaan mari’ataa jiru
Amajji 5/2012- Ministiroonni dhimmoota alaa biyyoota Itiyoophiyaa, Gibtsii fi Sudaan kaleessaa eegalee Waashingitan Diisiitti hidhaa haaromsaa ilaalchisee mari’ataa jiru.
Ameerikaatti ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Fitsum Araggaa fuula tiwutarii isaanii irratti mariin kaleessaa “bu’a-qabeessa``ture jechuun eeraniiru.
Marii kanarratti ministirri maallaqaa Ameerikaa Sirevin Minushin fi pirezidaantiin Ameerikaa Devid Malpas argamaniiru jedhan.
Biyyoonni sadanuu kanaan dura mariiwwan teknikaa 4 taasisanii turan.
Mudde 29 fi 30 bara 2012 A.L.I ministiroonni bishaanii biyyoota sadanii Finfinneetti hidhaa haaromsaa ilaalchisee marii tekinikaa 4ffaa fi isa dhumaa taasisan firii malee xumuramuun isaa ni yaadatama.
Ministirri bishaanii jallisii fi inarjii Itiyoophiyaa dooktar injiinar Silashii Baqqalaa marichaa booda ibsa kennaniin, guutamuu bishaan hidhichaa ilaalchisee yaadaa haaraa Gibtsiin dhiyeessiteen marichi firii malee akka xumuramuuf sababa ta’uusaa ibsanii ture.
Biyyattiin marii hari’aan yoo waliigaluu baatan waliigaltee kanaan dura biyyoonni sadan mallatteessan keeyyanni 10 hojiirra akka oolu taasifama.