Ministirri Gargaaraa Dhimmoota Ameerikaa Afriikaa Tibor Nagi Torban Kana Itiyoophiyaa Daawwatu

173

Amajjii 5/2012 (TOI) - Ministirri gargaaraa dhimmoota Afriikaa Ameerikaa Tibor Nagi torban kana Itiyoophiyaa akka daawwatan himame

Daawwannaan gargaaraa ministiraa kun deeggarsa Ameerikaa fi Afriikaa Bahaa gidduu jiru cimsuuf yoo ta’u, Amajjii 5 hanga 20 bara 2012 A.L.I biyyoota Afriikaa garaagaraa ni daawwatu.

Rippaablika handhuura Afriikaa, Itiyoophiyaa, Keeniyaa, Sudaan kibbaa fi Sudaaniin akka daawwatan fuula weebsaayitii ministeera dhimma alaa Ameerikaa irratti gabaasaameera.

Tibor Nagi turtii Itiyoophiyaatti taasisaniin, hooggantoota hojii  mootummaa olaanoo,  dhaabbilee gargaarsaa idil addunyaa, bakka bu’oota waldaalee siiviikii fi qaamolee hawaasa Yunivarsiitii waliin marii taasisu.

Bulchiinsa gaarii fi dhaabbilee demokiraasii cimsuu, nageenya kutaalee biyyattii fooyyessuu, malaammaltummaa balaaleeffachuu, dhimmoota hariiroo daldalaa fi invastimantii  cimsan irratti mari’atu jedhamee eegama.

Daawwanaa isaaniin dandeettii fi beekumsa dargaggoota Arfiikaa Ameerikaan guddisuuf hirmaannaan dhimmoota biyya isaanii irrattii akka dabaluuf kutannoo akka qabdu ibsaniiru.

 Tibor Nagi hariiroo yunivarsiitota Afriikaa fi Ameerikaa gidduu jiru cimsuuf kaayyeffate ``yuvarsitii paartinarshiip innisheetivii`` kan jedhamu sagantaa haaraa beeksisu jedhamee eegama.

Sagantaa pirezidaantii Ameerikaa duraanii Baarak Obaamaan jalqabamee waggaa 10ffaa qabate ``yaangi Afriikaan liiders innisheetiivii`` faayidaa fi raawwii itti aanu ilaalchisee ni mar’atu.

Tibor Nagi waggaa darbee Sadaasa 18 hanga 29 bara 2011 A.L.Itti  Itiyoophiyaa, Jibuutii, Eertiraa fi Keeniyaa daawwachuun isaanii ni yaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015