Nageenyi Lammiilee Itiyoophiyaa Afrikaa Kibbaa Akka Eeggamu Waliigalame

86

Amajjii 4/2012(TOI) - Nageenyi Lammilee Itiyoophiyaa Afrikaa Kibbaatti haala gaariin akka eeggamuuf waliigalteerraa gahamuu Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad ibsan.

Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad akka fuula feesbuukii isaaniiratti ibsanitti guyyoota darban biyyoota Afrikaa sadii daawwannaa hojii taasisaniin wantoota dhimmoota addaddaa irratti marii goochusaanii ibsaniiru.

Keessuma daawwii Afrikaa kibbaatti taasisaniin dhimmoota addaddaa irratti mari'achusaanii fi nageenyi lammiilee Itiyoophiyaa Afriikaa Kibbaa akka eegamuuf walii galleerra jedhan.

Waan hundumaa caala nageenya lammiilee mirkaneessuun hojii nama gammachiisudhas jedhaniiru.

Namni hunduu nageenyaaf waardiyyaa dhaabatee nageenya lammiiwwan keenyaa tiksuu qabas jechuun dhaamaniiru Dr. Abiyyi.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015