Ministeerri Saayinsii Fi Barnoota Olaanoo Barattoota 170 Adabuusaa Beeksise

59

Amajjii 1/2012(TOI - Ministeerri Saayinsii fi  Barnootaa olaanoo Yunvarsiitiiwwan 22 keessaa barattoota 170 adabuusaa beeksise.

Ministeera Saayinsii fi Barnootaa olaanootti daariktarri dhimmoota Komunikeeshinii Obbo Dachaasaa Gurmuu OBN'tti akka himanitti Yunvarsiitiiwwan Naannoo Amaaraa, Oromiyaa fi Magaalaa Dirree Dhawaa keessaatti Barattoota 170 adabbii waggaa 1 hanga umurii guutuu barnootarraa akka ittifaman murtaa’eera.

Barattoonni 504 ammoo of-eeggannoodhaan mallatteessanii barnootasaanii akka itti fufan kan taasifame yoo ta’u, barsiisonni 32 ammoo of-eeggannoodhaa  hanga adabbii cimaan itti murtaa’eera.

Barsiisonni 3 ammoo hojiisaaniirraa ittifamuusaanii kan himan Obbo Dachaasaan, hojjettoonni 256 adabbii cimaa haga salphaa adeemsa sivilsarvisii eegeen irratti fedhatameera.

Dhaabbilee barnoota olaanoo keessatti barattoonni 140 fi barsiisonni 14 dhimmisaanii qorataamaa akka jirus Obbo Dachaasaan himaniiru.

Rakkoo nageenyaa Dhaabbilee barnoota olaanoo keessatti mudate kana keessaa warra harka qaban adda baasuun seeratti dhiyaatanii olaantummaan seeraa akka kabajamu itti fufiinsaan hojjetamas jedhameera.

Dhaabbileen barnoota olaanoo nagaa fi tasgabiin hojiin baruu fi barsiisuu akka itti fufu Yunvarsiitiiwwan hundi Poolisii Federaalaan akka eegaman, warra duraan jiranis leenjiin akka ga'ooman hojjetamaa jira.

Kana malees Yunvarsiitiiwwan sekuriitii Kaameeraan akka galfatan kallattiin kennamuus himaniiru.

Dhimmi baruu fi barsiisuu Yunvarsiitii keessaa gama hundaan bu'a qabeessa akka ta’uuf, Qindoomina caasaa mootummaa, qaamolee hawaasaa fi Yunarsiitiiwwaniin kan hojjetan ta'aa jedhaniiru.

Dhaabbileen Barnoota olaanoo bakka Siyaasni itti gaggeeffamu osoo hin taane bakka beekumsi qorannoo fi qo'annoo itti gaggeeffamu waan ta'eef paartileen siyaasa kamuu dhaabbilee barnoota olaanoo keessatti hojii siyaasaa kamuu rawwachuu akka hin dandeenye kallattiin kennameeras jedhameera.


Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015