Muummichi Ministiraa Abiyyi Pirezidaantii Alfaa Kondee Waliin Hojiiwwan Wal deeggarsaa Jalqabsiisuuf Waliigalan

89

Mudde 30/2012 (TOI) - Muummichi ministiraa Itiyoophiyaa doktar Abiyyii Ahmad  turtii daawwannaa hojii rippabiliika Giinii eda kan xumuran yoo ta’u, pirezidaantii Alfaa Kondee waliin hojiiwwan qonna, turiizimii, albuudaa fi inarjii jalqabsiisuuf waliigalteen raawwatameera.

Turtii yeroo rippaabilika Giinii turaniin, muummuichi ministiraa Abiyyi Ahmad hooggantuu biyya Naayijeeriyaa Kaduna El Rufayi fi nama daldalaa beekamaa Naayijeeriyaa Toni Olumelu waliin wal arganuun Itiyoophiyaatti dameewwan daraaraa jiran baay’ee irratti carraawwan indaastirii hirmaachisuuf dandeessisu irratti mari’achuu isaanii waajjirri muummicha ministiraa ibseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015