Tamsaasa Kallatti:

Iddoowwan Hawata Turiizimii Oromiyaa Addaddaa ‘UNESCO’ Irratti Galmeessuuf Hojjetamaa Akka Jiru Ibsame

Muddee 25/2012)- Ayyaana Irreechaa, gaarreewwan Baakee, Sulula Malkaa Qunxuree fi Holqa Sof-Umar galmee ‘UNESCO’ irratti galmeessuun hojjetamaa jiraachuu Hogganaan Biiroo Aadaaf Turizimii Oromiyaa obbo Girmaa Hayiluu himan.

Sirni Gadaa waggaa sadan kana galmee Saayinsii Aadaa fi Barnootaa Addunyaa irratti galmaa'e waggaa waggaadhaan sirna ho'aan Oromiyaa bakkeewwan garaaraatti kabajamaa jira.

Bara kana ammoo Godina Booranaa Magaalaa Yaabelloo Ardaa Jilaa Dhakaa Qakkeetti agarsiisaa meeshaalee aadaa Booranaa, Gujii, Gabraa akkasumas deemsa miilaa magaalaa keessaan sirnichi haala ho'aan kabajamee oole.

Sirna Gadaatti aansuun Ayyaannii Irreechaa, gaarreewwan Baalee, Holqi Soofumar, Sulullii Malkaa Qunxurree yeroo amma qorannoorra kan jiran yoo ta'u yeroo dhiyoottii galmee Saayinsii Aadaa fi Saayinsii Adduunyaatti ni galmaa'u jedhuun Hogganaan BATO obbo Girmaa Hayiluu sirnicharratti dubbataniiru kan jedhe biiroo dhimmoota komunikeeshinii mootummaa naannoo oromiyaati.

Bakkeewwan Ardaa Jilaa madda galii gochuun hawataa taasisuuf ummanni kunuunsa barbaachisu akka taasisu obbo Girmaan dhaamanii jiru.

Ayyaanichis keessummoota kabajaa, Abbootii Gadaa fi hawaasa naannoo sanaaf midhagee ayyaaneffatamuun xumuramee jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015