Keeniyaa Naannawa Laamuutti Haleellaa Atobisiirratti Raawwatameen Namoonni Sadii Ajjeefaman - ENA Afaan Oromoo
Keeniyaa Naannawa Laamuutti Haleellaa Atobisiirratti Raawwatameen Namoonni Sadii Ajjeefaman
Mudde 24/2012 (TOI) – Keeniyaa dhiheenya daangaa Somaalee naannawa Laamuutti haleellaa Atobisiirratti raawwatameen namoonni sadii du’uusaanii anga’oota naannawa sanaa wabeeffachuudhaan ‘BBC’n gabaaseera.
Namoonni madaa’an lama kiliniikota naannawatti argamanitti hordoffiin taasifamaafii akka jiru ibsameera.
Atobisiin kun Moombaasaa irraa ka’ee gara buufata Laamuutti imalaa osoo jiruu humnoota hidhataniin haleellaan akka irratti raawwatame himame.
Hidhattoonni kunneen garee kamirraa akka dhufan beekamuu baatus gareen shororkeessaa bu’uura isaa Somaaliyaa taasifate Alshabaab biyyattiitti irra deddeebi’ee haleellaa raawwachaa turuunsaa eerameera.
Naannawichatti namoonni nagaa eegan kanneen haleellaa kana raawwatan sonaa kan jiran yoo ta’u, isaan garuu naannawicha gadi lakkisanii bahuu akka hin hafne anga’oonni kunneen beeksisaniiru.
Keeniyaan human dhaabbata mootummoota gamtoomaniin deeggaramu gargaaruuf akkasumas gareewwan shororkeessaa Alshabaab waraanuuf maqaa jedhuun loltootashee Somaaliyaatti akka ergite ni beekama.