Godinichatti Duula misooma Qabeenya Uumamaa Bara Kana Eegaluuf Qophiin Taasifame

68

Mudde 23/2012 (TOI) - Duula misooma Qabeenya Uumamaa bara kana eegalamuuf qophiin gahaan taasifamuu isaa Waajirri Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Godina Harargee Lixaa beeksise
Itti gaafatamaan waajjira Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Godina Harargee Lixaa Obbo Anas Aliyyii akka jedhanitti misooma Qabeenya Uumamaa Amajjii 1/2012 egalamuuf godinichatti qophiin gahaa taasifamaa jiraachuu isaa ibsaniiru.

Biiroon dhimmoota komunikeeshinii mootummaa naannoo Oromiyaa akka gabaasetti ummata Godina Harargee Lixaatiif Dhimmi misoomaa fi kunuunsi qabeenya uumamaa dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhabuudha kan jedhan Obbo Anas, bara kanas karaa qindaawaa ta’een hojjechuuf leenjiin hubannoo uumuu ummata sadarkaan jiruuf keennamaa jiraachuusaa dubbataniiru.

Aanaalee Godinichaa hunda keessatti harcaatii malee akka hojjetamuuf ummata kilaaastaraan gurmeessuun deeggarsa Ogeessotaan karaa saayinsaawaa ta’een misoomsuuf hal-dureen xumuramaa jiras jedhaniiru.
Ummanni leenjii fudhate karaa guutuu ta’een hojiirra olchuu akka danda’us Mudde 26 Hanga 29/2012 hojii shaakallii kan gaggeeffamu ta’uusaati kan himame.

Ummanni akkuma ashaaraa magariisummaa kaa’uun seenaa hojjeteetti duula misooma Qabeenya uumamaa Amajjii 1 bara 2012 eegalamuus karaa gurmaa’een xiqiidhaan hojjechuun karoora gama kanaan qabame milkeessun gahee isaa bahuu akka qabu Obbo Anas dabalataan himaniiru.

Godinichatti bara kana ummanni kuma 400 ol ta’u hirmaachuun lafa hektaara kuma 229 ol misoomsuuf karoorfamuusaas himameera

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015