Dhaabbatichi Daa’imman Maatiin Isaanii Harka-qalleeyyii Barumsa Oolmaa Daa’immanii Tolaan Barsiisaa Jira

Mudde 16/2012(TOI)-Pirojektiin dhaabbata mit-mootummaa Kompaashinii Makaanayyasuus Godina Baalee magaalaa Roobee daa’imman maatiin isaanii harka-qalleeyyii 246 barumsa oolmaa daa’immanii tola barsiisaa akka jiru ibse.

Daa’imman isaanii pirojektii kanaan hammtamanii carraa barumsaa argachuuaaniitiin rakkoonsaanii furamuufii maatiin daa’immanii dubbataniiru.

Baalee Roobeetti qindeessaan pirojektichaa obbo Massalee Kabbadaa akka jedhanitti dubartootaa fi gurmaa’inoota bulchiinsaa waliin qindaa’uun daa’imman rakkatoo ta’uunsaanii mirkanaa’e fudhatee barsiisaa jira.

Wayita kana Roobeetti mana barumsaa tajaajila kanaaf ijaarame daa’imman rakkatoo ta’uunsaanii mirkanaa’e 246 meeshaa barbaachisu guutuudhaan barumsa oolmaa daa’immanii tola barsiisaaakka jiru ibsaniiru.

Daa’imman kunneen amma sadarkaa olaanaatti akka barsiisus qindeessaan kun dubbataniiru.

Itti gaafatamtuun waajjira daa’imman, dargaggootaa fi dubartootaa godina Baalee adde Fayyisee Alamuu gamasaaniitiin pirojektiin Kompaashinoo Makaanayyasuus hojii mootummaa deeggaruudhaan hojii namoomaa fakkeenya qabu hojjechaa akka jiru dubbataniiru.

Waggaa lama dura pirojektiin kun osoo hin dhufiin kafaltii mana barumsaa kafaluuf rakkachaa akka turan yaadataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015