Naamusa Gaarii Dagaagsuun Malaammaltummaa Ittisuuf Ummanni Qindoominaan Hojjachuun Murteessadha

Finfinnee Mudde 16/2012 (TOI) - Naamusa Gaarii Dagaagsuun Malaammaltummaa ittisuuf Ummanni qindoominaan hojjachuun murteessaadha jedhan bakka bu'aan komishinara komishiinii naamusaa fi farra malaammaltummaa naannoo Oromiyaa Obbo Geetuu Hundumaa.   

Guyyaan Farra Malaammaltummaa akka Naannoo Oromiyaatti Magaala Adaamatti kaleessa kabajameera.       

Wayituma kana haasaa kan taasisan bakka bu’aan komishinara komishinii naamusaa fi farra malaammaltummaa naannoo Oromiyaa Obbo Geetuu Hundumaa akka jedhanitti malaammaltummaan rakkoo akka Addunyaatti mul’atu waan ta’eef waliin irratti qabsaa’uu qabna.

Malaammaltummaan gufuu misoomaa, gufuu dimokiraasii fi guddinaa ta’uun isaa hubachuun dhaloota hanna irratti qabsaa’uu fi hojmaata badaa balaaleffatu uumuuf tumsaan hojjachuun murteessaa ta’uus dubbataniiru.  

Maatiin guddina daa’immanii fi dargaggoo daandii sirrii qabsiisuurratti hojjachuun dhaloota haaraa jijjiirama fiduuf hojjatu oomishuu qabu jedhan Obbo Geetuun.

Haala amma jiruun karaa Aadaa, duudhaa fi safuu keenya hin eegganneen malaammaltummaa fi hattummaan yeroo babal’achaa jirudha waan ta’eef, Ummanni badii hannaa irratti miira cimaan hadheeffatee qabsaa’uu qaba jechuusaanii odeeffannoon Biiroo Dhimmoota Komunikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa irraa arganne ni muldhisaa. 

Guyyaan Farra malaammaltummaa akka Addunyaatti yeroo 16ffaaf akka biyyaa keenyaatti yeroo 15ffaaf kan kabamu yoo ta'u,  akka naannoo Oromiyaatti immoo yeroo 14ffaaf kabajamee.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015