Dhaabbileen Sabquunnamtii Namoota Dhuunfaa Fi Gareedhaan Bilisummaasaanii Dhabaa jiru Jedhame

Mudde  15/2012(TOI)- Dhaabbileen sabquunnamtii kanaan dura bilisummaan mootummaadhaan dhabaa turanniin alas wayita ammaa namoota dhuunfaa fi gareedhaan bilisummaasaanii dhabaa akka jiran ibsame.

Sabquunnamtiin ummataa fi dhuunfaa Itiyoophiyaatti dhiibbaa namoota dhuunfaa fi gareedhaan irra ga’uun bilisummaa ogummaa dhabaa akka jiran ibsameera.

Waltajjii mare ‘Addis Wag’ ji’a ji’aan waajjira inistira muummeetti adeemsifamurratti mata duree ‘shoorri miidiyaa yaada walitti dhiheessuu ’ jedhuun adeemsifamaa jira.

Maree kanarratti ogeessonni qunnamtii ummataa dhuunfaa, namoonni beekamoon, namoonni siyaasaa fi kanneen biraa argamaniiru.

Yunivarsiitii Finfinneerraa kan dhufan Dr. Mulaatuu Alamayyoo ‘waraqaa yaada mariif ta’u’ mata duree ‘miidiyaan wayita cehumsaa’ jedhuun qophaa’e dhiheessaniiru.

Shoorri sabquunnamtii Itiyoophiyaa akkaataa haala qabatamaatiin addaddaa akka ta’e himaniiru.

Keessumaa labsiin farra shororkeessummaan ragga’uunsaa seenaa miidiyaa biyyattii keessatti miidhaa akka qabaachaa akka ture dubbataniiru.

Bilisummaan Sabquunnamtii wayita ammaa kan waggoota darbaniirra fooyyee qabaatus, mootummaa qofaan osoo hin ta’iin dhiibbaa namoota dhuunfaa fi gareedhaan irra ga’uun bilisummaan ogummaa quucaraa dhufuusaa Dr. Mulaatuun dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015