Addi Billisummaa Oromoo /ABO/ Godina Shawaa Kaabaatti Damee Banate

Fichee Mudde 14/2012 /TOI/ -Addi Bilisummaa Oromoo /ABO/ Godina Shawaa kaabaatti har'a waajjira haaraa banate.

Dhaabbatichi filannoo bara 2012 irratti karaa nagaa fi dimokraasii hirmaachuuf qophii taasisaa kan jiru ta'uu hojii raawwachisaan addichaa ibsaniiru.

Addichi waajjira isaa magaalaa Ficheetti yeroo banatu miseensonni, deeggartoonni fi jiraattonni magaalaa argamaniiru.

Hojii raawwachiisaan ABO obbo Jabeessaa Gabbisaa wayita kana akka jedhanitti ABOn filannoo dhufu karaa nagaa fi dimokraasii ta'een akka adeemsifamuuf ni hojjeta jedhaniiru.

Filannoo kanaafis bakka buutoota caffee Oromiyaa fi mana maree bakka bu'oota ummataaf kaadhimamtoota qopheessaa kan jiru ta'uu himaniiru.

Hojii raawwachiisaa ABO kan ta'an obbo Ibsaa Nagawoo gama isaaniin Oromiyaattis ta'e akka biyyatti duubatti hafummaa fi hiyyummaan akka hin jiraanneef ni hojjena jedhaniiru.

Godinichatti bakka bu'aan adda bilusummaa Oromoo obbo Siyum Nugusee akka jedhanitti banamuun waajjira kanaa ABOn sagantaa isaa karaa nagaan ummata biraan akka ga'uuf ni gargaara jechuun dubbataniiru.

Yeroo dhufuttis magaaloota aanaalee irratti damee kan banatu ta'uus beeksisaniiru.

ABOn sochii siyaasaa biyya kanaa keessatti baroota dheeraaf hirmaachaa kan ture yoo ta'u, Fulbaana bara 2011 irraa eegalee immoo biyyatti deebi'uun karaa nagaan sochoo'uu eegaleera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015