Manni Maree Bakka Bu'oota Ummataa Wixinee Labsii Haaraa Mana Amala Sirreessaa Federaalaa Mari'atee Raggaasisee

219

Finfinnee Mudde 14/2012 /TOI/ - Manni Maree Bakka Bu'oota Ummataa wixinee labsii haaraa mana amala sirreessaa federaalaa mari'atee raggaasisee.

Manni Maree Bakka Bu'oota Ummataa walga'iisaa har'a gaggeessen labsii mana amala sirreessaa federaalaa irratti erga mari'atee booda raggaasise.

Labsiin kun heera biyyattii bu'ura godhachuun kan ba'e yoo ta'u Itiyoophiyaan walii galtee dhaabbilee addunyaa garaa garaa waliin dhimma sirreeffamtootaa irratti mallateessite hojii irra akka oolchituuf kan taajajilu dha.

Labsii haaraa kana keessatiis sirreeffamtoonni leenjii konkolaachisummaa akka fudhatanii fi beekumsa garaa garaan leenji'aanii ummata isaanii akka tajaajilan kan taasisudhas jedhameera.

Kan malees haadhooliin ulfa ta'anii fi daa'ima qaban akkasumas qaama midhamtoonni wayita mana amala sirreessaa galan deegarasi addaa akka taasifamu labsii kana keessatti eramee jira.

Manni yaalaa mana amala sirreessaa keessa jiran sadarkaa isaanii kan eeggatan akka ta'anii fi ogeessoota saa'a 24 hojjechuu danda'aniin akka deeggaramanis labsiin kun kan ni eera.

Mana amala sirreessaa keessatti nyaanni sirreeffamtootaaf dhiyaatuu fi iddoon ciisichaa kan kana duraa caalaa gaarii ni ta'as jedha labsichi.

Manni amala sirreessaa federaalaas iddoon sirreeffamtootaa kan dhiphatu yoo ta'e, mana amala sireessaa ijaruun sirreeffamtoota naannoo biyyattii garaa garaa keessaatti jijjiiruu kan danda'u ta'uus labsiin kun of keessaa kan qabudha.

Wixinee labsii waliigaltee dabarsa sarara gaazii uumamaa mootummaan RDFI fi mootummaan Jibuutii irra ga'anirratti ammoo koreen dhaabbii dhimmoota qabeenya uumamaa, jallisii fi inarjii ibsa laateera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015