Sirni Simannaa fi Gammachuu Ibsachuu Badhaasa Noobeelii magaaloota Oromiyaa garaa garaa keessatti gaggeeffame

82

Mudde 2/2012 /TOI/ Hawaasni Magaalaa Adaamaa,Sabbataa,Bishooftuu badhaasa Noobeelii Nageenya Addunyaa Muummichi Ministiraa Dooktar Abiyyi Ahimad goonfatan sababeeffachuun gammachuu isaanii ibasataniiru.

Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Obbo Assaggid Geetaachoo “badhaasa Addunyaan hundi hawwu ilmi abbaa gadaa argachuu isaaf gammachuun keenya olaanaa dha” jechuun ibsanii kaayyoo muummicha ministeeraa milkeessuun badhaadhina biyya keenyaa mirkaneessuuf hundi keenya gahee keenya bahuu qabnas jedhaniiru.  

Itti Gaafatamaan Pablisiitii, Yaada ummataa fi Sab-qunnamtii waajjira Paartii giddu galeessaa obbo Taayyyee Danda'aa Dooktar Abiyyi Ahimad as gahuuf bu'aa bahii hedduu darbbaniiti jedhaniiru.  

Nutis kaayyoo qabanneef cimnee fayyadamummaa ummata keenyaaf dhala namaatiif halkanii guyyaa hojechuun Abiyyi hedduun biyya keenyaa akka bahu hojjechuu qabna jedhaniiru.    

Bulchiinsa magaalaa Sabbataatti Sirna simannaa badhaafamuu Noobeelii Nageenyaa Dooktar Abiyyi Ahimad argatan irratti qaamolee hawaasa adda addaa waliin gammachuu itti dhag'ame sirnoota garagaraatiin ibsataniiru.   

Muummeen Ministiraa Dooktar Abiyyi Ahimad badhaasa Noobeelii Nageenya Addunyaa fudhatanii gara biyyaatti deebi'uu isaaniin walqabatee hawaasni Magaalaa Bishooftuu Gammachuu isaa ibsaa injifannoo argame nageenya mirkaneessuu fi tokkummaa ummata keenyaa cimsuun injifannoo caalmaaf hojjechuu danda'amu irratti mareen geggeeffameera.  

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015