Meeshaan Kontirobaandii Fi Doolaarri Ameerikaa Birrini Miiliyoona 7 Tuqaa 7 tti Tilmaamamu To’atame

70

Finfinnee Mudde 1/2012 (TOI) - Komishiniin gumuruukaa damee Kombolchaa meeshaa Kontirobaandii fi doolaara Ameerikaa Birrii miiliyoona 7 tuqaa 7tti tilmaamamu to’ateera.  

Konkolaataan lakkoofsa gabatee 45074/14652 konteenara fe’ee sanada sobaa qabachuun gara Finfinnee otuu imalaa jiru godina Walloo Kibbaa aanaa Warra Qaalluu magaalaa Harbuutti to’atame poolisoota naannoo  fi hojjettoota gumuruukichaan qabamee jira.

Meeshaawwan kontirobaandii to’ataman kunneen qorichoota Birrii miiliyoona 5 tuqaa 6tti tilmaamamanii fi uffata birrii 2,184,000tti tilmaamamu, waliigalaan meeshaawwaan kontirobaandii to’ataman Birrii miiliyoona 7,784,000 kan baasanidha.  

Haaluma walfakkatuun Sadaasa 30 bara 2012 namni dhuunfaan karaa seeraa alaan doolaara Ameerikaa 26,400 Jibuutiirraa gara Itiyoophiyaa seensisuuf otuu yaaluu waajira gumuruukaa damee Dirree Dawaa hojjettoota buufata sakatta’iinsa Dawwalleetiin to’atameera. 

Birriin qabame gara Baankiitti kan galfame yoo ta'u, namtichis to'annaa seeraa jala ooluun qorannoon kan irratti eegalame ta'uun beekameera.

Sochiin kontirobaandii biyya irratti miidhaa waan geessisuuf ummatni hunduu waliin ittisuu qaba jedhameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015