Biyyi Keenya Yoo Jiraatte Nuti Kabajaan Jiraanna – Preezdaant Saahilawarq Zawdee

66

Finfinnee Sadaasa 29/2012 /TOI/ - Biyyi keenya yoo jiraatte nuti kabajaan jiraanna, miidhaan tokkoo miidhaa hunda keenyaa ta’uu beekuu qabna jedhan Prezidaantiin RDFI aadde Saahilawarq Zawdeen.  

Prezidaant Saahilawarq Zawdeen kabaja guyyaa saabaa, sablammootaa fi, ummattoota Itiyoophiyaa 14ffaa Finfinneetti kabajame irratti argamuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Wayituma kana akka jedhanitti "Biyyi keenya yoo jiraatte nuti kabajaan jiraanna, miidhaan tokkoo miidhaa hunda keenyaa ta’uu beekuu qabna" jedhaniiru.

Ayyaana kana wayita kabajnu rakkinoota yeroo darban nu mudatan darbinee guyyaa har’aa tokko jennee heera mootummaa cimsuun tokkummaan biyya jaalannu ni ijaarras jechuun dubbataniiru.

Ayyaanni kun ummata Itiyoophiyaaf hiikaa hedduu qabas jechuun ibsaniiru.

Mirgi sabaa fi sablammoota biyya keenyaa akka kabajamuuf wabii kan ta’e heera mootummaa cimsuu qabnas jedhaniiru.  

Ummatni biyyattii hunduu doonii tokkoon imaalaa akka jirru beekuun wal kabajnee fi wal- jaalannee walliin jiraachuu qabna jechuun ibsaniiru.

Haaluma walfakkaatuun af-yaa’iin Mana Maree Federeeshinii aadde Keeriyaa Ibraahim Ayyaanni kun ayyaana miidhagina keenya muldhisuu fi tokkummaa keenya agarsiisu dha jedhaniiru.

Ayyaanni sabootaa sablamootaa fi ummattoota Itiyoophiyaa 14ffaan qopheessummaa naannoo Oromiyaatiin magaalaa Finfinneetti kabajameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015