Ministirri Muummee Dr Abiyyi Ahimad Ayyaana Saboota, Sablammootaa fi Ummattoota Itiyoophiyaa 14ffaan Ilaalchisuun Ergaa Baga Geessanii Dabarsan

69

Sadaasa 28/2012 (TOI )-- Ministirri Muummee Dr Abiyyi Ahimad ayyaana Saboota, Sablammoota fi Ummattoota Itiyoophiyaa 14ffaan ergaa baga siniin gahee dabarsan.

Dr Abiyyi Ahimad baga guyyaa Itiyoophiyummaa kan ta’e, kabaja guyyaa
Saboota, Sablammoota fi Ummattoota Itiyoophiyaatiin isin gahe jedhan.

Ayyaanni kun ayyaana waliinii keenyati, guyyaa itti eenyummaa fi aadaa sab daneessummaa qabaachuu keenya itti agarsiisnudha.

Kana qofaa miti Sabootni, Sablammootnii fi Ummattoota Itiyoophiyaa walitti hidhamiinsa fi waan hedduu kan walirraa dhaalaan ta'uu guyyaa itti agarsiifamuudha. Waliin jiraannee jirra, waliin jireenya keessattis wantoota baay'ee walirraa dhaalleerra jedhan Ministirri Muummee.

Milkaa'inaa fi injifannoo qofa osoo hin taane rakkoo fi gidiraa waliin qooddannee jirra. Aadaa fi duudhaa keenyaas walirraa dhaallee jirra. Fuudha fi heerumaan maatii waliin horannee dhiigaan walitti makamnee jirra. Iddoo tokko jiraachuu qofa osoo hin taane kaayyoo tokkoof wareegamnee boolla tokkotti
awwaalamnee jirra. Sabootni Itiyoophiyaa walqixxummaa, tokkummaa fi haqaaf
qabsaa'anii jiru.

Ofiin of bulchuu, aadaa fi afaan ofii dagaagsuuf qabsoo taasifameen aarsaan kaffalameera. Itiyoophiyaan biyya hunduu wal qixa wareegama itti kaffale waan taateef, hundi wal qixa irraa fayyadamuu qaba, gita bittoota waliin falmiin taasifameera jedhan Ministirri Muummee Dr Abiyyi Ahimad.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015