Kubbaaniyyoonni Hindi oomishtoota huccuu haala mijataa Invastimantii Itoophiyaa keessatti uumameen hawatamaa jiru - ENA Afaan Oromoo
Kubbaaniyyoonni Hindi oomishtoota huccuu haala mijataa Invastimantii Itoophiyaa keessatti uumameen hawatamaa jiru

Amajjii 14/2011 Kubbaaniyyoonni hindii huccuu oomishan haala mijataa invastimantii Itoophiyaa keessatti uumameen hawatamuudhaan warshaalee Baangilaadishii fi Kaamboodiyaa keessaa qaban kaasuudhaan gara Itoophiyaa dhufaa akka jiran Biizinas Istaandardi gabaaseera.
Hinditti huccuu kan oomishu fi K.P.R jedhamun kan beekamu kubbaaniyyaan guddichi warshaasaa Itoophiyaa keessatti dhaabuudhaan human namaa hedduu, qaraxarraa bilisaan fi gara yu esi gabaa Ameerikaa fi Awurooppaatti dhihoo kan ta’e tajaajila doonii fayyadamuuf murteessuusaa ibseera.
Kubbaaniyyaa huccuu K.P.R jedhamu warshaalee biyyattii keessa socho’an Reyimondi, Arviindi, Beesti korporeeshinii fi Jee Jee miilsi jedhaman waliin biyya keenyatti suuqiiwwan huccuu ijaaruudhaan hojiitti seenuuf tottolfachaarraa jirti.
K.P.R Doolaara miiliyoona shan baasuudhaan namoota 1000 ta’aniif carraa hojii uumuudhaan gosa oomishaa miiliyoona 10 gabaaf dhiheessuuf qophaa’uusaa, akkasumas Itoophiyaa qofatti jaakkeettii miiliyoona 2 oomishuuf human kan cimsate Reeyimoondis, Beesti korporeeshin, esi sii emmi Arviindii fi Jee Jee miilsi waggootii muraasa darban kubbaaniyyoota huccuu fi uffataa warshaasaanii banan ni eeramu.
Carraa Invastimantii mootummaa Itoophiyaatiin uumame malees Hinditti mindaan hojjetaa tokkoo ji’atti doolaara 130-150 yoo ta’u, Itoophiyaatti garuu doolaara 60 akka hin caalle bakka bu’aan kubbaaniyyichaa ibsanii, humni ibsaa biyyattii saantima Ameerikaa sadiin argachuun kan danda’amu yoo ta’u, Hinditti garuu gatiin dhiheessiin anniisaa saantima Ameerikaa 10-12 akka ta’e dabalanii ibsaniiru.
Humni namaa bal’aan, dhiheessiin anniisaa, filannoon gabaa murteessaa ta’e, akkasumas seeronni taaksii ifa ta’an kubbaaniniyyoonni kenneen akka hawataman akka isaan taasise biizinas istaandardi dabalee hubachiiseera.