Yuuniyeenichi Bu'aa Gurgurtaa Galteewwan Qonnaa Irraa Argate Birrii Miiliyoona 3 Tuqaa 8 Miseensotaaf Qoode

67

Gobba Sadaasa 25/2012 /TOI/ - Godina Baaleetti yuuniyeeniin hojii gamtaa Siikoo Mandoo bu'aa gurgurtaa galteewwan qonnaa irraa argate birrii miiliyoona 3 tuqaa 8 miseensota isaaf qooduu beeksise.  

Erga miseensa hojii gamtaa kanaa ta'anii booda oomisha isaanii gatii gaariin gurgurachaa jiraachuus qonnaan bultoonni himanii jiru.

Hojii gaggeessaan Yuuniyeenichaa obbo Mitikkuu Tashoommaa akka jedhanitti bu'aan kun kan argame gurgurtaa sanyii filatamaa, Xaa'oo fi keemikaalota garaa garaa irraa ta'uu himaniiru.

Bu'aan bara kana argatan kan bara darbee waliin wal bira yoo qabamu birrii miiliyoona 1 kan caalu ta'uus dubbataniiru.

Waldaan hojii gamtaa Siikoo Mandoo bara 1995 bajata birrii kuma 175 fi miseensota kuma 2n kan hundaa'e ta'uu kan eeran obbo Mitikkuun yeroo ammaa kana miseensota kuma 21 fi kaappitaala birrii miiliyoona 150 ol kan qabu ta'uus himaniiru.

Yuuniyeeniin kun fooqii abba darbii 4 magaalaa Roobeetti ijaarsiisaa kan jiru ta'uus ibsaniiru.

Yuuniyeenichi gara fuula duraattis hojiilee garaagaraa hojjechuuf karoorfachuu isaa beeksisaniiru.

Hojii gaggeessaan waldaa hojii gamtaa Alii Kaajawaa kan aanaa Agaarfaatti argamu obbo Ibraahim Huseen yaadaa kennanniin waldaan isaanii hojii gamtaa Siikoo Mandoo irra midhaan sanyii filatamaa fi keemikaalota adda addaa fudhachuun qonnaan bultootaaf gatii madaalwaan dhiyeessaa jira jedhaniiru.

Hojii gaggeessaan waldaa hojii gamtaa Gaasaraa obbo Ragaasaa Fiqruu gama isaaniin midhaan qonnaan bultoota irraa walitti qabuun waldaa hojii gamtaa Siikoo Mandoof dhiyyeessuun bu'aa birrii kuma 145 argachuu isaanii himaniiru.

Godina Baaleetti waldaaleen hojii gamtaa 800 kan jiran yoo ta'u, miseensota kuma 300 olii fi kaappitaala birrii miiliyoona 418 kan qaban ta'uun beekamee jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015