Daandiin Xiyyaaraa Itiyoophiyaa Intarneetii Shiboo Malee Tajaajila Balaliinsaaf Hojiirra oolche

56

Finfinnee Sadaasa 23/2012 /TOI/ - Daandiin Xiyyaaraa Itiyoophiyaa Intarneetii Shiboo malee Balali'nsaaf tajaajilu eegaluu isaa beeksise.  

Tajaajilli Intarneetii shiboo maleen kun yeroof kan jalqabame Xiyyaarota " AIR BUS 350 "jedhaman lakkoofsaan 10 irratti ta'uun beekamee jira.     

Daandiin Xiyyaaraa kun Tajaajila Oduu Itiyoophiyaaf akka ibsetti imaltoonni tajaajila kana Maallaqaan, Kaardii Kireediitii " On Line " dhaan,  " Meeyilsii Sheebaan /Sheba Mails/ akkasumas biiroo Tikeettiin imalaa itti gurguramu hunda irraa bitachuu ni danda'u jedheera.

Tajaajili kunis Intarneetii Biroodbaandii Ammayyaa ta'e " Kee Baand" jedhamuun kan kennamu dha.

Tajaajila kana fayyadamuufis Bilbila Ammayyaa ta'e, Taableetii akkasumas Laap Toopiin barbaachisaa ta'uun isaa himameera.

Tajaajlli kunis Intarnetii waliigalaa kan kennu ta'uun beekamee jira.

Hojii gaggeessaan Daandii Xiyyaaraa Itiyoophiyaa "Jalqabamuun tajaajila kanaa imaltoonni teekinooloojii ammayyaa ta'een fayyadamaa akka imalan kan gargaarudha " jedhaniiru.

Tajaajilli kun gara fuula duraatti Xiyyaarota daandii dheeraa imalan hunda keessaatti kan eegalamu ta'uus dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015