Guyyaan Qaama Miidhamtootaa Akka Biyyoolessaatti Magaalaa Shaashamanneetti Kabajamaa Jira

76

Finfinnee Sadaasa 23/2012 /TOI/ - Guyyaan Qaama Miidhamtootaa akka biyyoolessaatti magaalaa Shaashamanneetti kabajamaa jira.  

Guyyaan qaama miidhamtootaa akka biyyatti yeroo 27ffaa kan kabajamaa jiru ta'uun beekameera.

Ayyaanni kun Mata duree " Hirmaannaa fi geggeessummaa qaama miidhamtootaa guddisuun ajandaa misooma 2030 haa mirkaneessinuu" jedhuun kabajamaa jira.  

Ayyaana kana irratti Da’eetaan Ministira Hawaasummaa fi hoggantoonni biroo Hawaasummaa naannoo gara garaa hirmaachaa kan jiran ta'uun himameera.

Pirezidaantiin Federeeshinii Qaama Miidhamtootaa Itiyoophiyaa adde Mihiret Nugusee akka jedhanitti qaamaa miidhamtoonni gama wal qixxummaa fi fayyadamummaan akkasumas gama hundaan fayyadamoo akka ta'aniif hojjetamaa jira.

Da’eetaan Ministira Hawaasummaa obbo Geetaahuun Abdiisaa gama isaaniin hojmaatni qaama miidhamtoota fayyadamoo taasisu diriirfamuu irratti argama jedhaniiru.

 "Hirmaannaa fi geggeessummaa qaama miidhamtootaa guddisuun ajandaa misoomaa 2030 haa mirkaneessinuu ".

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015