Ayyaanni Sabootaa, Sablammootaa Fi Ummattootaa Jijjiirama Gama Dinagdee Fi Hawaasummaa Keessatti Gahee Olaanaa Kan Qabuudha

67

Finfinnee Sadaasa 22/2012 /TOI/- Ayyaanni Sabootaa, Sablammootaa fi Ummattootaa jijjiirama gama dinagdee fi hawaasummaa keessatti gahee olaanaa kan qabu dha jedhan  Af-Yaa'iin Caffee Oromiyaa Aadde Loomii Badhoo.   

Ayyaana saboota, sablammoota fi Ummattoota Itiyoophiyaa yeroo 14ffaaf Finfinneetti kabajamu ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa kennaniiru.   

Ayyaanichi mata dureeHeerri “Mootummaa keenya nageenya waaraaf” jedhuun kan kabajamu yoo ta'u yeroo murteessaa ta'etti magaalaa Finfinneetti kabajamuun isaa adda kan isa taasisu dha jedhan Af-yaa'iin Caffee Oromiyaa Aadde Loomii Badhoo.   

Guyyaan Ayyaana Saboota, Sablammootaa fi Ummattoota Itiyoophiyaa walitti dhufeenya sabootaa gama hundaan kan cimsudhas jedhaniiru.   

Ayyaanichi jijjiirama gama dinagdee fi hawaasummaa keessatti gahee olaanaa kan qabuudha.
Ayyaanicharratti sabaa fi Sablammoonni biyyattii hundi kan hirmaatu ta'uus Aadde Loomiin dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015