Itiyoophiyaatti Waggaa waggaan namoonni Kuma 23 HIV Edsiin Ni Qabamu

58

Sadaasa 22/2012 /TOI/ - Itiyoophiyaatti Waggaa waggaan namoonni kuma 23 HIV Edsiin ni qabamu. 

Waajjirri Ittisaa fi To'annoo HIV Edsii federaalaa, dhibicha to'achuu fi ittisuuf hojiin hojjetamaa jiru laafaa ta'uu ibseera.  

Itiyoophiyaatti tamsa'inni HIV dhibbeentaa 0.91 yoo ta'u, lammiileen biyyattii kuma 649 ol dhiiga saanii keesatti vaayirasiin kan argamu ta'uu tamsa'inni HIV bara 2019 ni agarsiisa.

Hammi tamsa'inaa naannoodhaa gara naannootti garaagarummaa kan qabu yoo ta'u, Gambeellaa, Tigraay fi Finfinneetti bifa weeraraa irra jirachuu daarektoreetiin Qunnamtii Ummataa Waajjirichaa Obbo Daani'eel Batiir Tajaajila Oduu Itiyoophiyaaf ibsaniiru.

"Barumsi dhimma HIV Edsii irratti waggaa 10 dura laatamaa ture amma laafaa dhufuun isaa dhibeen kun akka dabaluuf sababa ta'ee jira " jedhaniiru.

Namoota dhibee kannaan qabaman baraaruufis oggeessonni Artii, Midiyaalee fi manneen barnootaa ga'ee isaan irraa eegamuu raawwachu qabu jedhaniiru.

Naannoleettis dhukkubni kun dabalaa waan dhufeef keessaattuu dhaabbileen amantaa barnoota ga'aa laachuu akka qabanis dubbataniiru.

Guyyaan HIV Edsii bara kanaa mata duree  "Ummatni Jijjiramaaf Humna " jedhuun kabajamaa jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015