Haleellaa mana sagadaarratti raawwatameen namoonni 14 ajjeefaman

93

Sadaasa 22/2012 /TOI/ Burkinaa Faasootti haleellaa hidhattoonni waldaa kiristaanaa tokkorratti Dilbata bananiin namoota waaqeffataa turan keessaa yoo xiqqaate 14 ajjeefamuun isaanii ibisame.

Yeroo namoonni hidhannaa qaban dhukaasa banan namoonni miidhaan isaan qaqqabe kunneen waldaa kiristaanaa keessatti Dilbata sagadaa turan .

Haleellaan waldaa kiriristaanaarra gahe kun bakka Hantokuura jedhamuu gara baha biyyattiitti argamtuttii dha.

Eenyummaan hidhattoota kanaa kan hin beekamnee fi kaayyoon isaan badii kana raawwataniifillee wanti ifa ta'e hin jiru jedhameera.

Waggoota muraasa darban keessa qofa namoonni dhibbaan lakkaa'aman akka ajjeefamanis himame.

Warreen ajjeefaman kunneenis harki caalaan garee jihaaddistootaa warra jedhamaniin yoo ta'u kun ammoo keessumaa gara daangaa Maaliirratti walgaarreefachuu saboota akkasumas  amantaalee gidduutti uumeera.

Akka ibsa mootummaa naannichaarraa baruun danda'ametti namoonni hedduunis madaa'aniiru.

Maddeen dhimma nageenyaa madda oduu AFP'tti akka himanitti, gareen hidhannaa qaban haleellaa qaqqabsiisan kunneen "Paasterii waldaa kiristaanaa dabalatee amantootaa fi daa'imman ajjeesaa turan."

Maddi biraan akka jedhetti namoonni haleellaa kana raawwatan doqodoqeedhaan baka sanaa miliqan.

Onkoloolessa darbe, haleellaa masjiidarra ga'een namoonni 15 ajjeefamanii lama ammoo ciminaan madaa'anii turan.

Bara 2015 irraa kaasee haleellaan Jihaaddistoonni qaqqabsiisan Burkinaa Fasootti dabalaa dhufuun manneen barnootaa kumaan lakkaa'aman akka cufamaniif sababa ta'eera.

Rakkoon nageenyaa kun naannoo biyyattiin Maalii waliin waldaangessitutti kan hammaatu yoo ta'u, bakka sana ammoo hanga loltoonni Faransaay bara 2012 dhiibanii baasanitti milishoota Isilaamistootaan to'atamee akka ture kan gabaase BBC dha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015