Waldaan Ogeessota Komunikeeshinii Fi Qunnamtii Ummataa Itiyoophiyaa Hundaa’e

61

Sadaasa 18/2012 /TOI/ -Waldaan Ogeessota Komunikeeshinii fi Qunnamtii Ummataa Itiyoophiyaa hundaa’e.  

Waldaan Ogeessota Komunikeeshinii fi Qunnamtii Ummataa Itiyoophiyaa seenaa Itiyoophiyaa keessatti yeroo jalqabaaf kan hundaa’e dha.

Waldichi adeemsa ijaarsa sirna dimokiraasii fi misoomaa keessatti gahee mataasaa akka bahatu himameera.

Pirezdaantiin Waldicha Obbo Damissoo Bantii ibsa gaazexesitootaaf kennaniin akka jedhanitti, waldichi ogeessoota damichaarra jiraniifi hojii walfakkatarra jiran kan hammatu dha jedhaniiru.

Waldichi ogeessoota damichaa adda addummaa amantii, afaan, sanyii, saba, bifaafi kkf otoo adda hin baasiin kan tajaajilu ta’uus Pirezdaantichi dubbataniiru.

Pirezdaantiin Ittaanaa Waldicha Obbo Wandim Takluu gamasaaniin, kaayyoon waldicha inni guddaan ogummaan kominikeeshiniifi qunnamtii ummataa Itiyoophiyaa keessatti akka dagaaguufi kabajni ogummichaa akka eegamu taasisuudha jedhaniiru.  

Kanaaf naamonni dhuunfaas ta’an dhaabbileen biyyaaleessaafi biyyooleessa ogummaa kanarratti bobba’anii jiran hundinuu hundaa’uu waldichaa hubachuun miseensummaatiinis haa ta’u hirmaannasaanii taasisuu akka qaban dhaamaniiru. 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015