Godina Gujiitti Dhaabbilee Daldalaa 115 Irratti Tarkaanfiin Fudhatame - ENA Afaan Oromoo
Godina Gujiitti Dhaabbilee Daldalaa 115 Irratti Tarkaanfiin Fudhatame
Nagallee Sadaasa 13 /2012 (TOI) – Godina Gujiitti dhaabbilee daldalaa Shaqaxoota bu’uraa fi oomishaalee qonnaa dhoksuudhaan qaala’insi jireenyaa akka itti caalu taasisaniiru jedhaman 115 irratti tarkaanfii fudhachuusaa waajjirri misooma gabaa godinichaa ibse.
Qaala’insa jireenyaa guyya guyyaatti itti caalaa dhufe tasgabbeessuuf qaamni ilaallatu to’annaa akka taasisu jiraattonni magaalaa Nagallee tokko tokko gaafataniiru.
Itti gaafatamaan waajjira misooma gabaa godinichaa obbo Taaddalaa Uddoo akka ibsanitti qaala’insa gabaa tasgabbeessuuf magaalaalee gurguddoo godinichattii argaman 17 keessatti ji’a tokkoof qorannoo fi to’annoon taasifameera.
Qorannoo fi to’annoo kanaan Sukkaarri kuntaalli 50, Zayitiin jarikaanni 210 fi Boloqqeen kuntaalli 159 bakka dhokfamanii qabamaniiru.
Kana malees dhugaatiin lallaafaa yeroon itti darbe gabaaf dhihaachuuf qophaa’an, zayitiin jarikaana 82 fi uffanni addaddaa akka qabaman itti gaafatamaan kun himaniiru.
Sukkaarrii fi zayitiin nyaachaa birrii miiliyoona 1 tuqaa 3tti tilmaamaman gabaaf dhihaachuu osoo qabanii seeraan ala man kuusaa keessatti kuufamuusaanii obbo taaddasaan ibsaniiru.
Mankuusaan kunneenis saamsamanii dhimmicha seeratti dhiheessuuf hojjetamaa akka jiru ibsameera.
Amma ammaatti hojii qulqulleessuu hojjetameen daldaltoonnii fi dhaabbileen daldalaa 82 ofeeggannoo barreeffamaa fi adabbiidhaan akka bira darbamu taasifameera.
Daldaltoonni seeraan alaa 32 oomisha yeroon itti darbe kuusanii gabaaf dhiheessaniiru jedhamanii shakkaman himanni irratti banamee dhimmisaanii ilaalamaa jira jedhaniiru.
Sababa malee shaqaxootaa fi oomishaaleee qonnaa dhoksuudhaan qaala’insi jireenyaa akka itti caalu taasisuun hidhaa fi adabbii maallaqaa akkasumas eeyyama haquu akka
adabsiisu itii gaafatamaan kun hubachiisaniiru.
Jiraattuu magaalaa Nagallee kan ta’an adde Buziyyee Magarsaa yaada kennaniin sababa malee magaalattiitti daballiin gatii guyya guyyaatti taasifamu sirrii miti jedhaniiru.
Keessumaa daballiin gatii qullubbii, kiikkii misiraa, Xaafii, qamadii fi atara irratti yeroo yerootti taasifamu hammaataa waan ta’eef qaamni dhimmi ilaalu to’annaa cimsuu akka qabu gaafataniiru.
Jiraataan magaalaa kanaa kan biraan obbo Asaffaa Jaalataa akka jedhanitti haalli amma jiru daldala seeraan alaaf karaa banuusaa eeraniiru.
Hawaasni nageenyasaa eeggachaa daldaltoota seeraan alaa saaxiluudhaan gabaan akka tasgabbaa’u ga’eesaa ba’uu qaba jedhaniiru.