Sagalee Keenya Karaa Nagaan Kennineerra--- Jiraatoota Magaalaa Hawaasaa

Hawaasaa Sadaasa 10/2012 /TOI/ - Sagalee Murtii filannoo ummata Sidaamaaf kennan karaa nagaa fi tasgabbii qabuun laachuu isaanii jiraattonni magaalaa Hawaasaa ibsan.

Jiraataan magaalaa Hawaasaa obbo Daawit Yohaanis yaada kennaniin, sagalee filannoo isaanii yeroo laatan haalli ture nagaa ta'uu isaa dubbataniiru.

Hiriira irraa eegalee hanga sagalee kennanittis karaa nagaa qabun kan xumuran ta'uu ibsaniiru.

Mootummaan Itiyoophiyaas fedhii ummata Sidaamaa guutuu isaatti galateeffatanii

jiru.

Addee Tinsaa'ee Kabbadaa gama isaaniin daa'ima ji'a lama hin gutne baatanii sirna filannoo kanaaf dhufuu isaanii dubbataniiru.

Guyyaa sagaleen itti kennamu kana si'aayinaan eeggachaa akka turanis Tajaajila Oduu Itiyoophiyaatti himaniiru.

Sirni sagalee kennuu kunis nagaa ta'uu isaa ibasnii, qaama miidhamtootaaf, dubartoota ulfaa fi namoota dursi isaan barbaachisuuf dursi kan laatame ta'uu isaas himaniiru.

"Guyyaa sagaleen kun itti kennamu kana ija koon arguu kootti baayyeen gamadde " kan jedhe immoo obbo Daawit Almaayyootti.

Filannoon murtii Ummata Sidaamaa yeroo dheeraaf eegamaa ture har'a ganama sa'aatii 12:00 irraa eegaluudhaan raawwachaa jira.  

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015