Injiinar Taakkalaan Mana Barumsaa Sadarkaa 1ffaa Burqaa Waayyuu Daawwatan

119

Finfinnee Sadaasa 4/2012 (TOI) - Itti aanaan Kantiibaa Bulchiinsa magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumaa manneen barnootaa Afaan Oromoo keessaa tokko kan ta’e Mana Barumsaa sadarkaa 1ffaa Burqaa Waayyuu daawwataniiru.  

Manni barumsaa Burqaa Waayyuu barattoota 5342 simatee barsiisaa jira.

Injiinar Taakkalaan maatii barattootaa, barsiisotaa fi barattoota mana barumsaa kanaa waliin marii taasisaaniiru.  

Dhimmoota akka hanqinaatti eeraman adeemsaan furuuf galtee barbaachuuf manneen barnootaa Afaan Oromoo Finfinneetti barsiisan hundi daawwannaa kanaan ilaaluun irratti hojjechuuf ta'uu, daawwanaa kana irratti kan argaman Hogganaan Biiroo Barnoota Oromiyaa Dokar Tolaa Bariisoo himaniiru.     

Ji'oota lamaan boodas magaalaa kanatti manneen barnootaa bultii addaa haaraan lama Afaan Oromoon kan barsiisan akka banaman biiroon barnootaa Magaalaa Finfinnee himeera.   

Magaalaa Finfinneetti manneen barnootaa mootummaa 126 keessatti barattoonni kumni 42 ol Afaan Oromoon barataa jiru.  

Daawwannaan hoggantoota kanneeniis muuxannoo gaarii jiru cimsuun rakkoolee jiran immoo furuuf akka ta' e himameera.    

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015