Godina Boranaatti Dargaggoota Kuma 23f Carraa Hojii Uumuuf Hojjetamaa Jira

50

Nagallee Sadaasa 3/2012 (TOI) - Naannoo Oromiyaa Godina Booranaatti dargaggoota hojii dhabeeyyii kuma 23 fi 200 ta’aniif carraa hojii uumuuf hojjetamaa jiraachuu waajjirri carraa hojii uumuu godinichaa beeksisee jira.    

Waajjirichatti oggeessa carraa hojii uumuu kan ta'an obbo Axnaachoo Tolchaa akka jedhanitti godinichatti dargaggoonni kuma 23 fi 200 hojii dhabdumaan galmaa’aanii jiru jedhaniiru.  

Dargaggoota kanneeniifis lafti kareemetirri kuma 9 fi 600 kan qophaa’e yoo ta’u, sheediin 4 dargaggoota hojii dhabeeyyii kanaaf kan qophaa’e ta’uus himaniiru.

Kurmaana 1ffaa darbe kanattis dargaggoota kuma 2 fi 447 ta’an gara hojiitti galchuu isaanii ibsaniiru.

Dargaggoo hojiitti galan kanaafis birriin miiliyoonni 18 liiqiin kan laatame ta’uu isaa himaniiru.

Dameen carraa hojii irratti uumames Industirri, Daldaala, Qonnaa, Ijaarsaa fi damee tajaajilaa ta’uu isaa oggeessi carraa hojii uumuu kun dubbatan.    

Dargaggoota gara hojiitti galan keessaas jiraataan aanaa Taltaallee dargaggoo Godaanaa Jiloo yaada kenneen akka jedhetti damee hojii sibiilaa irratti akka bobba’an dubbateera.      

Mootummaa irraas birrii kuma 75 liiqiin fudhachuu isaanii kan hime dargaggoon kun, namoota 5 ta'anii hojii jalqabuu isaanis dubbatee jira. 

Hojii isaanis cimanii hojjechuun bu'aaf kan hojjetaan ta'uu dargaggoon kun Tajaajila Oduu Itiyoophiyaatti himeera.  

Jiraataa aanaa kanaa kan ta'e dargaggoo Salamoon Wandimmuu gama isaan mootummaa irraa birrii liiqeeffachuun hojii irratti hirmaachaa kan jiru ta’uu beeksisee jira.

Gamaa mootummaanis ciccituun ibsaa amma muldhachaa jiru akka furmaata argatuuf gaafateera.  

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015