Godina Wallaggaa Bahaatti dargaggoota kuma 42f Carraa hojii uumuuf hojjetamaa jira

66

Naqamtee Sadaasa 2/2012 (TOI) - Godina Wallagaa bahaatti dargaggoota hojii dhabeeyyii kuma 42 ta'aniif carraa hojii uumuuf hojjetamaa jiraachuu waajjirri misoomaa fi Intarpiraayizii Godinichaa beeksisee jira.

Waajjirichatti abbaan adeemsa hojii bajataa fi karooraa obbo Ulfinaan Nagaash akka jedhanitti godinichatti aanaalee 17 keessatti dargaggoonni kuma 42 fi 924 hojii dhabdumaan galmaa’aanii jiru jedhaniiru.

Dargaggoota hojii dhabeeyyii ta'an kanneen keessaas kumni 10 fi 484 dhaabbilee barnoota oolaanoo irraa kan eebbiffamani dha jedhameera .

Dargaggoota kanneeniifis lafti heektaarri kuma 1 fi 319 kan qophaa’e yoo ta'u, sheediin 135 dargaggoota hojii dhabeeyyii kanaaf kan qophaa'e ta'uus himaniiru.

Kurmaanaa 1ffaa darbe kanattis dargaggoota kuma 3 fi 699 ta'an gara hojiitti galchuu isaanii ibsaniiru.

Dargaggoo hojiitti galan kanaafis birriin miiliyoonni 11 fi kuma 399 fi 533 liiqiin kan laatame ta'uu isaa himaniiru.

Dameen carraa hojii irratti umamees Maanufaakchariingii , Daldaala , Qoonnaa, Ijaarsaa fi damee tajaajilaa ta'uu isaa abbaan adeemsa hojii kun dubbataniiru.

Dargaggoota gara hojiitti galan keessaas jiraataan aanaa Diggaa ganda Arjoo guddatuu dargaggoo Enyummaa Bulii yaada kenneen akka jedhetti damee loon gabbisuuf irratti akka bobba'an dubbateera.

Mootummaa irraas birrii kuma 100 liiqiin fudhachuu isaanii himaniiru.

Marsaa 1ffaa kanaanis Qotiyyoo 8 bituun gabbisaa kan jiran ta'uu Tajaajila Oduu Itiyoophiyaatti dubbatniiru.

Jiraataan ganda Ifaa dargaggoo Taakkalaa Ebiyoo gama isaan mootummaa irra birrii kuma 80 liiqeeffachuun hojii uffata hodhuu irratti kan hirmaachaa jiru ta'uu beeksisee jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015