Yunvarsiitiin Sudaan Barumsa Afaan Oromoo Fi Amaaraa Kennuufi

67

Onkoloolessa 29/2012 (TOI) - Yunvarsiitiin Sudaan barumsa Afaan Oromoo fi Amaaraa kennuuf akka ta’e ibsame.

Sudaan Kaartumitti kan argamu "International University of Africa" Afaan Oromoo fi Amaaraan sadarkaa digirii jalqabaan barnoota kennuufi jedhameera.

Itiyoophiyaa Finfinneetti kan argamu Yunivarsiitiin Kotobee Meetiroopoolitaanis Afaan Arabaan Digirii jalqabaan barsiisuufi.

Yunivarsiitii Finfinneetti Diiniin Huumaaniitii Dr. Amaanu'eel Alemaayehu akka himanitti, Jilli tokko Biiroo Barnootaa Finfinneerraa ,Yunvarsiitii Kotobee Meetiroopooliyanirraa akkasumas Yunvarsiitii Finfinneerraa kan walitti dhufan gara Kaartum dhaqee Hoggantoota Yunivasriitii Sudaan waliin mari'ateera.

Marii kanaan Sudaanitti kan argamu "International university of Africa" barumsa Afaan Oromoo fi Amaaraan kennuuf waliigalaniiru.

Yunivarsiitiin Kotobee Meetiroopoolitaanis Afaan Arabaan Digirii jalqabaan barsiisuuf waliigalteerra ga'eera jechuun OBN dhaabbata pireesii Itiyoophiyaa waabeffachuun gabaase.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015