Gaaffii Sidaamaan Naannoo Ta’uuf Gaafate Murteessuuf Buufataalee kuma 1 fi 782 keessatti Galmeen Filattootaa Eegalame

61

Itti gaafatamaan waajjira quunnamtii ummataa godina Sidaamaa obbo Gannanaa Abarraa TOIf akka himanitti galmeen kaleessa jalqabuu qabaatuyyuu meeshaaleen galmee naannawoota fagoo jiraniif waan hin geenyeef guyyaa tokkoof dheerateera.

Meeshaaleen galmee har’a waan qaqqabaniif galmeen jalqabamuusaa ibsaniiru.

Umuriin isaanii waggaa 18 fi sanaa ol kan ta’anii fi naannawa amma jiraatan ji’a 6 oliif kan jiraatan waraqaa eenyummaa qabatanii guyyoota 10 keessatti galmaa’uu akka danda’an boordiin filannoo biyyoolessaa beeksisuunsaa ni yaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015