Yuunvarsiitiin Bulee Horaa Sirna Gadaa Sadarkaa digirii sadaffaan Barnoota kennuu eegale

140

Onkolooleessa 24/2012 /TOI/ Yuunvarsiitiin Bulee Horaa Sirna Gadaa Sadarkaa Digirii sadaffaan  barsiisuu eegaluu isaa Yuunvarsiitii Bulee Horaatti daayreektooreetiin daayreektarri qorannoo gadaa fi aadaa Gargaaraa proofeesaraa Roobaa Dambii ibsaniiru.  

Yuunvarsiitiin Bulee Horaa '' MA in Gadaa and Peace Studies and Introduction to Gadaa System for Under Graduate Studies '' kaarkulaamii jedhu qopheessuun bara 2012 barnoota akka eegaluuf Seeneetiin yuunvarsiitiichaa waltajjii Fulbaana 29 bara 2012 gaggeesseen murteessera.

Kaayyoon barnoota kanaas dhaloonni haaraan sirnicha akka hambaatti akka lakkaawanii fi ummannis gadi fageenyaa waa’ee gadaa akka baruuf jedhameera.

Haaluma yeroo baayyee sirna gadaaf kaarkulamiin qophaa’ee dhaloonni akka baratuuf gaafatamaa tureen, Yuunvarsiitiin Bulee Horaa gadi fageenyaa qorannoowwaan garaa garaa gaggeessuun sirnichi gara sirna barnootaatti akka galu godhee jiras jedhameera.

Sirna Gadaa sirna barnoota keessa galchuuf Yuunvarsiitii Jimmaa, Haramayyaa fi Wallaggaa waliin waltajjiiwwan uumuun mariin gaggeeffamuu fi sirna gadaa irratti qaamoolee qorannoo taasiisan irraa yaada dabalataa akka galteetti fudhachuun hojiitti galuu isaanii daayreekteerichi himaniiru.

Haaluma kanaan duudhalee fi barsiifata gaarii sirni gadaa qabuu fi adeemsi dimookiraatummaa isaa bifa barumsaan dhaloota haaraaf akka darbu barbaachisaa ta’ee argameera jedhan.

Yuunvarsiitiin Bulee Horaa bara 2009 eegalee Inistitiyuutii qorannoo fi qoo’annoo sirna gadaa taasisaan hundeessuun bara 2011 tti hojiitti galuu isaa Gargaaraa proofeesaraa Roobaan dubbataniiru.

Sirna gadaaf kaarkulamiin qophaa’ee sadarkaa maasteeriin osoo hin eegalin dura barattoonni hundi digirii jalqabaan akka ‘ koomaan koorsitti, akka fudhatan godhamaa tures  jedhanii jiru.  

Barattoonni hundi digirii jalqabaan koorsii kana osoo hin fudhatin eebbifamuu akka hindandeenye yuunvarsiitichi murtee irra gahee jira jedhan.

Bara barnootaa 2012tti barattootni 10 barnooticha barachuuf galmaa’uu isaanii kan eeran Gargaaraa Piroofeesara Roobaan, gara fuulduraatti barsiisota dabaluun hanga barattootaas guddisuuf ni hojjetama jedhaniiru.

Yuunvarsiitichi barnoota kana jalqabuu irra waan jiruuf qaamoolee dhuunfaa fi dhaabbileen yuunvarsiiticha waliin hojjechuu barbaadaan hundi deeggarsa kennuu ni danda’u jedhameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015