Magaalaan Roobee Gara Nageenyaatti Deebi'aa Jira - ENA Afaan Oromoo
Magaalaan Roobee Gara Nageenyaatti Deebi'aa Jira
Onkololeessa 21/2012 (TOI) Magaalaan Roobee gara nagaa fi tassgabiitti deebi'aa jiraachuu isaa kaantibaan magaalichaa beeksisanii jiru..
Magaalaa Roobeetti rakkoo nageenyaa tibbana mudateen namootni 35 too'annoo jala oolaniiru.
Kaantibaan magaalaa Roobee obbo Adam Umar akka jedhanitti, rakkoon nageenyaa tibbana magaalaa Roobee muudatee ture furamun yeroo ammaa tasgabbaa'ee jira jedhaniiru.
Manneen tajaajila uummataaf kennanis banaa ta'u isaani himaniiru.
Gara fuulduraatti nageenyi magaalattii amansiisaa akka ta'uu fi tassgabiin akka jiraatuf bulchinsi magaalichaa hojjechaa jiraachuu isaas dubbataniiru.
Mootummaan kophaa isaa nageenyaa magaalichaa eegsiisu waan hin dandeenyeef uummanis tumsa isa irraa eegamu taasisu qabas jedhaniiru.
Shakkamtootni hafanis too'aanoo seeraa jala akka oolaniif gareen mootummaa naannoo Oromiyaa fi abbaa alangaa magaalaa Roobee irraa wallitti babba'ee hojjechaa akka jirus dubbataniiru.
Ummatni magaalaa Roobees garee kana waliin hojii olaantummaa seeraa kabachiisuu cimsee akka itti fufsiisu dhaamaniiru.