Tiwiitariin ergaawwan siyaasa beeksisan maxxansuu dhowwuufi

76

Onkololeessa 20/2012 (TOI) Tiwiitariin ergaawwan siyaasa beeksisan maxxansuu dhowwuufi ta’uu ibsame.

Dhaabbilee miidiyaa hawaasaa keessaa tokko kan ta'e tiwiitariin ergaawwan waa'ee siyaasaa beeksisan dabarsuu dhorkuuf akka ta’e hime.

Akka dhaabbati kun jedhutti ergaawwan siyaasaa seeraan nama bira ga'uu qabu waliin dhahuudhaan gurguruu yookiin bituun sirrii miti.

"Beeksisin karaa interneetii gaggeeffamu humna kan qabuu fi daandii daldalaa isa guddaadha. Humna kana siyaasaaf dhimma itti baanaan balaa guddaa fida'' jedhan Hoogganaan Dhaabbatichaa 'Jack Dorsey'.  

Morkataa tiwiitarii kan ta'e feesbuukiin dhiyeenyuma ergaawwan siyaasa beeksisan dhorkeera.   

Miidiyaan hawaasummaa ergaawwan siyaasaa dabarsuu diduun isaanii filannoo bara 2020 irratti aanga'oota Ameerikaa gidduutti adda addummaa uumeera.   

Duula Pireezidaanti Doonaaldi Tiraampi irra-deebiin filatamuuf gaggeessan kan hoogganan "Brad Parscale "murtee kun miidiyaa hawaasummaatiin darbuun hojii mormitoonni Tiraamp isa kuffisuuf taasisaa jiraniidha'' jedhan.    

Duula na filadhaa bakka bu'aa Dimokiraatotaa kan hoogganan Bill Russo gama isaaniitiin ''beeksisa siyaasaa Doolaaraan beeksifachuurra dimokiraasiin keenya akkaataa fedhii hawaasaa guutuu danda'uu fi fudhatama akkamiin argata kan jedhurratti hojjechuutu fala ta'a'' jedhan. 

Hundeessaa fi Hoogganaan Feesbuukii Mark Zuckerberg dhimma kanarratti gaazexeessitootaaf wayita ibsa kenne imaammati dhaabbatasaa sirrii ta'uu dubbate.  

"Ijaarsa dimokiraasii keessatti namni dhuunfaa tokko karaa miidiyaa hawaasummaa aanga'oota siyaasaa basaasuu fi to'achuun sirrii miti''. Jedhan.

Dhorkaan tiwiitariin baase kun Sadaasa 22 irraa eegalee hojiirra  akka oolu kan gabaase  BBC dha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015