Ameerikaan qoqqobbii Turki irraa kaaste

138

Onkololeessa (TOI)  13/2012 Ameerikaan qoqqobbbii Turkii irra keessee turte guyyoota sagal booda kaasuushee Pirezidant Donaald Tiraamp beeksisan.  

Murteen isaanii kunis erga Raashiyaan Turkii waliin loltoota daangaa Siiriyaarratti boobbaasuuf waliigaltee boodadhas jedhameera.    

" Yoo wanti nuti itti hin gammannee kan biraa uumame malee qoqqobbichii ni ka'a,'' jedhanii turan Tiraamp ibsa isaanii roobii darbe kennaniin.  

Turkis akka waraanni naannicha keessatti hin gaggeeffamne fi waliigalteen dhukaasa dhaabu tibbana taasifame akka itti fuftu naaf mirkanneessite jirti jedhaniiru.   

Booda keessas Ministirri qabeenyaa Ameerikaa qoqqobbii ministiroota Ittisaa fi Anniisaa akkasumas qondaaltoota olaanoo Turki irra kaa'amee ture kaafameera jedheera.   

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015