Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad gara Raashiyaa imalan

109

Finfinnee /TOI/ Onkololeesa 11/2012  Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad fooramii Afrikaarratti hirmaachuuf har'a waaree booda gara Raashiyaa imalaniiru.

Fooramiin kunis akka lakkoofsa warra Awuropha onkoloolesa 23 fi 24 kan geggeeffamu ta'un beekame jira.

Waltajjichi magaalaa Soochiitti kan gaggeeffamu yammuu ta'u, hoggansi biyyoota Afrikaa 46  akka hirmaatan ni eegama.  

Muummeen ministiraa turtii isaanitiin preezdaantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin dabalatee hoggansa biyyoota adda addaa waliin ni mari'atuu jedhame  eegama  

Fooramii kanas preezdaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiini fi preezidaant Abdulfataah Alsiisiinni banu jedhametu eegama.

Fooramiin kun waraana diilallaa'aa addunyaatin booda waltajjii waloo jalqabaa Afrikaa fi Raashiyaati.  

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015